Hojii Tola-ooltummaa gannaa baranaatiin Manneen qaama-miidhamtootaa 7 Aanaa 01, Ganda Rige, Aanaa 04, , Aanaa 07 keessattiDhaabbileen Seektarootaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatiin ijaaramanii xumuraman furtuunisaanii meeshaalee manaa waliin dabarsanii Abbootiif kennamaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Dirree Dhawaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Ibraahim Yuusuf sagantaa walharkaa fuudhinsa furtuu mana jireenyaa kanaarratti haasawa taasisaniin,hundeeffamuu mootummaa jijjiiramaa kana hordofee, hojiin tola ooltummaa kaka’umsa Ministira Muummee Dr Abbey Ahmediin jalqabame babal’achuun aadaa tahuu eeranii keessattuu qaama miidhamtootaa fi maanguddootaaf , hojiin tola ooltummaa qaama rakkoo hawaasaa hiikuu danda’eedha jedhan.
Mootummaan piroojektoota gurguddoo fi piroojektoota misoomaa biroo biyyattiif hojjetaman xumuruu fi tajaajila hawaasaaf akka dhiyaatan gochuu bira darbee jireenya lammiilee fooyyessuudhaan jijjiirama fiduu danda’uu isaa kan eeran Obbo Ibraahim tajaajilli tola-ooltummaa kan Paartiin Badhaadhinaa jajjabeessuufi namoota harka qalleeyyiif akkasumas karaa ummanni keenya aantummaa waliif qabu ittiin waliif ibsuufii jajjabeeffamuu qabu akka ta’e dhaamaniiti jiran.
Maanguddoonni, maatiin harkaqalleeyyiinfi qaama miidhamtoonni tajaajila tola-ooltummaa kanarraa fayyadamoo ta’an tokko tokko yaada kennaniin bulchinsaa yeroo ulfaataa ta’etti isaan dhaqqabutti gammachuu qabaachuu eeranii kanaafis kan galateeffatan ta’uu dubbataniiti jiran.


