Fiigichi Miilaa Kan Manguddoota deeggaruu kaayyeffate magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffame.

Dorgommii Fiigichi Miilaa Kan Manguddoota deeggaruuf kaayyeffatee gaggeefame kun Yaada qajeeltoo “Haadha koo fi abbaa koo deeggaruuf nan fiiga” jedhuun fiigichi fiigichaa yeroo 9ffaaf Komishinii Dargaggootaa fi Ispoortii Giddugala Qabeenya Maanguddoota Daawiit waliin ta’uun gaggeeffameera.

Fiigichi daandii irraa Kan KM 10 kun ka’umsaa fi Xumura Dirree Jiddugala Buufata Baabura jalaa irratti kan qabu yoo ta’u, waggaa waggaan maanguddoota deeggaruuf kan kaayyeffate yoo ta’u, fiigichi bara kanaas yaadannoo Dr waggoota hedduudhaaf dhaabbata tola ooltummaa kana deeggaruun.

Kurfii Dorgommii Fiigichi Miilaa Kana irratti argamuun haasaa kan taasisan Kabajamoo Kantiibaa Bulchiinsa Dirree dhawaa Obbo Kadiir Juhaar Akka jedhanitti sagantichi maanguddoota qofa osoo hin taane, yaadannoon kun sagantaa jaalala Dr. Abeel ibsuuf qophaa’ee fi ni taasisa jedhan itti gaafatamummaa isaa Giddugala Qabeenya Maanguddootaa Daawiit keessatti itti fufa.

Atileetota dorgommii kanarratti dorgoman hunda injifataniif meedaaliyaa kan badhaafaman yoo ta’u, dhaabbilee fi namoota dhuunfaa gumaacha olaanaa taasisaniif ragaan beekamtii kennameera.

Maatiin Dr. Abeel beekamtii fi badhaasa argataniiru. Kana malees waancaa Mana Maree kanaaf arjoomameera.

Muktar Ahmadiin

Surraa Ageenywo shawaraga.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *