Hariiroon Magaalaa Dirree Dawaafi Faransaay Le Bugue gama barnootaafi ispoortiitiin cimee akka Itti fufu ibsame.

Jilli kantiibaa m)Magaalaa Faransaay Le Buguen durfamu manneen barnootaa Notre Dame, Mariam fi Lgaharree daawwachuun ispoortii aadaa Faransaay Raagbii jedhamu barattootaaf beeksise.

Daawwannaa kanarratti Hogganaan Biiroo Barnoota Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Sulxaan Aliyyii daawwannaan kun manneen barnootaa Dirree Dhawaa manneen barnootaa Faransaay waliin walitti hidhuu fi muuxannoo wal jijjiiruu irratti dhiibbaa guddaa qaba jedhan.

Muuxannoo waljijjiiruun beekumsa dabarsuu kan dandeessisu ta’uus Obbo Sulxaan Sulxaan jiraattota Dire Dawaa bu’aa guddaa kan taasisu ta’uu hubachiisaniiru.

Dhalattuu Dirree Dhawaa fi qindeessituu sagantaa daawwannaa kanaa kan ta’an Aadde Gannat Waldisillasse akka jedhanitti, kaayyoon daawwannaa har’aa inni guddaan obbolummaa magaalota lamaan keessattuu jiraattota Dirree Dhawaa kan ummata Faransaay waliin jiru cimsuu akka ta’e ibsaniiru.

Hariiroo jiraattota Dirree Dhawaa fi Faransaay cimsuuf afaan bu’uura ta’uu kan ibsan Aadde Gannat barattoonni amma booda afaan Faransaayii akka baratan kan jajjabeeffamuu, akkasumas waljijjiirraan aadaa akka gaggeeffamuu fi ispoortiin aadaa Faransaay Raagbii bal’inaan akka beeksifamus dubbatan

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *