Dhaabbani Maaykiroo Faaynaansii Dirree Raawwii Hojii Karooraa walakkeeysa Waggaa kan bara 2016 Gamaaggame.

Waltajjii raawwi hojii walakkeeysa gamaagammi karoora kanarratti dameeleen dhaabbata Maaykiroo Faaynaansi Dirree hundinuu raawwii hojii isaanii gama hoji-gaggeeysitoota isaaniitiin dabareedhaan dhiheeysani jiru.

Dameeleen dhaabbatichaa raawwii karoora isaanii hoggaa dhiheeysanitti hojii isaanii cimsuudhaaf karoora cimaa karoorfatanii gara hojitti senuu ibsaniiru

Dabalataanis tajaajilamtoota(maamiltoota) si’eeysuurratti jabaatanii ,qindoominaan hojjeechuufi gaaffilee maamiltootaa deebisuuf xiyyeyfannoo olaanaan karoorfachuu, hojiilee dhaabbaticha jaeeysan irraatti xiyyeeyfatanii sochoo’aa turuu eeranii yommuu hojitti seenanis rakkolee isaan mudataniifi tarkaanfiilee fudhatan waltajjicharratti ibsaniiti jiran.

Rakkoolee gama maammiltootaatiin keessattuu teeknoolojii fayyadamuu dhabuu, maallaqa liqeeffatan yeroon deebisuudhabuu, akkaataa istaandaardii baankiitti hojjechuu dhabuu, hanqinni maallaqaa mudachuu,fedhii tajaajila liqii maamiltoota waliin gahuu dhabuu, rakkoo meeshaalee hojii qabaachuufi rakkoolee hedduun mudachuu eeraniiti jiran.

Hojii gaaggeeysan olaanaan Maaykiroo Faaynaansi Dirree Obbo Tashoomaa Abbabaa akka ja’anittii kaayyoon waltajjii kanaa rakkoolee mudataniif fuldurattii kaallatti kaayuun sossohu kan isaan dandeeysisu tahuu eeranii dahaabbtichi Bara 2016tti tamsaasa qusannaa fi liqiirratti karoora isaa boordiidhaan mirkaneeysuun kan hojjiitti gale tahuufi raawwii hojii Karooraa walakkeeysa waggaa kan Bara 2016 gamaagamaa jiraachuu himan.

Obbo Tashoomaan itti dabaluudhaanis qabeenyi dhaabbatichi qabu qusannaa duuba raawwiin keenya parsaantaa dhibbaa ol tahee jiraa ja’ani.

Kunis birri miliyoon 373 ol- walittii qabna jeenne karoorfannee birrii miliyoona 433 ol wallitti qabne jirraa ja’ani.

Akka biyyaatti yeroo amma tana hanqini maallaqaa jiraatuus maallaqa liqiif tahu wallitti qabuun liqii amman dura kaannamanilee debisani sassaabuu irraatti raakkoolee nu mudatan furree jirra jedhan.

Haaluma kanaan araddoota baadiyyaatiif tajaajila kennuuf qophaa’uufi soos-kiloo kanattii damee takka bananii jirraachuu Obbo Tashoomaan ibsan.

Dhumarrattis Obbo Tashoomaan dhaabbatichi tajaajila gutumaama guututti dhalarraa walaba tahe kannaa jiraachuu himaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *