Kilaastara Waahelitti Waltajjiin Kadhimamtoota Filannoo Waliigalaa 7ffaa Paartii Badhaadhinaa Bakka Bu’uudhaan Manneen Marii Bulchinsaafi Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataaf Dorgoman Beeksisuu Gaggeeffame.
Kanaan dura Paartichi kaadhimamtoota filannichaaf dhihaatan kanneen sadarkaa Araddootaattifi bulchinsaatti dhiheessuudhaan gamaaggama taasifameen kanneen ga’umsaan hawaasa tajaajiluurratti raawwiifi maqaa gaarii hawaasa biratti qaban ta’uuisaanii gamaaggamanii Boordii Filannoo Biyyaaleessaa biratti galmaa’uun isaanii erga mirkanaa’e booda guyyaa har’aa ummataaf ifoomsuu kan eeran Miseensa Marii Bulchinsa Dirree Dhawaafi Hoggantuu Biiroo Misooma Maallaqaaafi Dinagdee Bulchinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Aadde Muluukaa Mohammed kaadhimamtoota Araddoota 9n kilastarichaa bakka bu’uun Mana Marii Bulchinsaaf Filannoof dhihaatan Namoota 23 fi Dirree Dhawaa Bakka Bu’uun Mana marii Bakka Bu’oota Ummataaf Kilaastaricharratti kan Paartichi dhiheesse Kabajamoo Kantibaa Kadiir Juhaar waliigala namoota 24 Bakka hawaasni Araddoota Kilaastarichaa 9n argamanitti maqaasaanii tarreessuun ifoomsaniiti jiran.
Kabj.Aadde Muluukaa Mohaammed itti dabaluudhaanis Paartiin badhaadhinaa erga amaanaa Mootummaa fudhatee hojii jaiqabee injifannoowwan gurguddaa galmeessuudhaan biyyoota Afrikaaf fakkeenya ta’aa jiraachuufi biyya badhaateefi roga hundaan badhaadhina addunyaaf fakkeenymaa qabu galmeessaa jiraachuufi milkaa’inoota galmeessaa jirtu akka itti fuftu mallattoo paartichaa kan ta’e nadoo qamadii filachuu akka danda’aniifi filannichi karaa nagaa,dimokraatawaafi haqaqabeessaa ta’een akka xumuramu, akkasuma badhaadhina roga hundaa galmeessuuf dargaggoofi shamarran adda durummaan hirmaachuun kan barbaachisu ta’uus ibsan.
Kaadhimamtoota paartichi Araddoota kilaastarihaaf dhiheesse takko tokko yaada kennaniin kadhimamuudhaaf filannnoof dhihaachuusaaniitti gammachuu qabaachuu kan dubbatan ummata isaanii bakka bu’amanii yoo filataman gaafilee misoomaafi bulchinsa gaarii qaban mana mariif dhiheessuudhaanis ta’ee isaan bakka bu’uun hoggansa filuuf sagalee isaaniif kabaja kennuuf hojjechuuf qophiifi fedhii qabaachuu ibsaniiti jiran.
Hirmaattota waltajjichaa tokko tokkos yaada kennaniin paartichi kaadhimamtoota paartichaa bakka bu’uuf filannoof dhihaatan kan isaan bakka bu’uu danda’an ta’uu saaniifi paartii filachuu barbaadan filachuufimmoo kaardii filannoo fudhachuun qophii ta’uu dubbatan.


