Paartiin Badhaadhinaa Kaadhimamtoota Filannoo Waliigalaa Marsaa 7ffaaf Bulchinsa Dirree Dhawaafi Araddoota Kilaastara Waahel Bakka Bu’uuf dorgomiif dhihaatan ifoomse.
Kilaastara Waahelitti Waltajjiin Kadhimamtoota Filannoo Waliigalaa 7ffaa Paartii Badhaadhinaa Bakka Bu’uudhaan Manneen Marii Bulchinsaafi Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataaf Dorgoman Beeksisuu Gaggeeffame. Kanaan dura Paartichi kaadhimamtoota filannichaaf dhihaatan kanneen sadarkaa Araddootaattifi bulchinsaatti dhiheessuudhaan gamaaggama taasifameen kanneen ga’umsaan hawaasa tajaajiluurratti raawwiifi maqaa gaarii hawaasa biratti qaban ta’uuisaanii gamaaggamanii Boordii Filannoo Biyyaaleessaa biratti galmaa’uun isaanii erga mirkanaa’e…


