Dhaabbanni Tola Oolaa Waldaa Misooma Hawaassummaa kan Qindoominaan Badhaadhuu deegarsa damee gara garaaf oolu gomaacheera.
Mana Kitaabaaf kan oolu Kitaabotaa fi Siidiin, Meeshaan guddaan Qorannoo ijaaf oolu ,Meeshaan Uffataa fi meeshaaleen Daa’immaniif oolu, akkasumaas Ambulaansii fi Meeshaan Uffataa Tajaajila ittisa Balaa tasaaf oolu gomaachaniiru.
Sagantaa kana irratti haasaa kan taasisan Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar akka jedhanitti Dhaabbanni Tola Oolaa Waldaa Misooma Hawaassummaa kan Qindoominaan Badhaadhuu deegarsa damee gara garaaf oolu gomaacheera.
Miseensi Dhaabbata Tola Oolaa Waldaa Misooma Hawaassummaa kan Qindoominaan Badhaadhuu Obbo Shookii Alii gama isaaniin waldayni kunii fi Dirree Dhawaa hariiroo cimaa qabaachuu fi hojiin kuniis cimee ittifufaa jedhan.
Keessattuu roga Barnootaan, Fayyaan deegarsi taasisaa jiran kan galateefamuu qabuu jedhan.


