Waraanni Baha Giddu Galeessaatti gaggeefamaa jiru Dhiibbaa Siyaasaa fi Dinagdee Biyyoota adunyaa gara garaa irraan ga’aati jira kana keessaa inni ijoon rakkoo Hanqina Boba’aa kana hir’isuuf Tattaaffiin Magaalaa Dirree Dhawaatti taasifamaa cimee ittifufuu qabaa jechuun Konkolaachiftoonni ibsan.
Muutummaan Biyya teenyaa Dhiibbaa Waraanni kun Imala Guddinaa fi Badhaadhina Biyya teenyaa irraan ga’uu danda’u hur’isuuf Kallattii ittifyyadama Boba’aa kaa’uun
Itoophiyaan kuusaa boba’aa (Deposit) 13 qabdu kan waliigalatti humna boba’aa liitira miliyoona 420 qabachuu danda’aniin dhiheessaati jirti.
Boba’aan Dhiyaachaa jiru kun Haaqaan dhiheessuu fi Tajaajila Faayidaa hawaasaaf akka oolu gochuuf Magaalaa Dirree Dhawaatti Tattaaffii taasifamaa jiru Konkolaachiftoonni yaada nuuf laatan haalli dhiheessii Boba’aa Magaalaa Dirree Dhawaa Gaarii fi kan galateefamu jedhanii tattaafiin mootummaan taasisaa jiru haaluma kanaan ittifufuu qabaa jedhan
Lolli Ameerikaa fi Israa’el, Iraan irratti geggeessaa jiran baatii tokkoo ol ta’eera.
Waldhabdeen Baha Giddu Galeessaa kun gara lola amma deemaa jiru caalaa gara waraana bal’aa ta’etti guddachuu akka danda’u yaaddoon mul’achaa jira.
Waraanni kun Iraan qofa osoo hin taane, Yunaayitid Arab Emireet, Iraaq, Baahireen, Kuweet, Sa’udii Arabiyaa, Omaan, Azarbaajaan, Israa’elii, Qophros, Sooriyaa, Qaxar, fi Libaanos dabalatee biyyoota biroo hedduu tuqeera.
Yaddoo guddaan ka’aa jiru waraanni amma baha giddu galeessaa qofatti ta’aan jiru kun yeroon boodaa gara waraana addunyaa guutuu Miidiyaati jira.


