Yaadannoo Guyyaa Injifannoo Adwaa baranaa ilaalchisuun Miseensonni Humna Raayyaa Ittisa Biyyaa dhiiga yuunitii 150 ol Arjooman

Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Kan argamu Hospitaala Rifaraala Raayyaa Ittisa Biyyaa kan sadarkaa Sadaffaatti Kan argaman Miseensonni Humna Raayyaa Ittisa Biyyaa

Yaadannoo Guyyaa Injifannoo Adwaa baranaa ilaalchisuun sagantaa dhiiga Arjoomuun kabajaniiru.

Yaadannoo Guyyaa Injifannoo Adwaa baranaa ilaalchisuun uyyaa Miseensonni Humna Raayyaa Ittisa Biyyaa kan Hospitaala Rifaraala Raayyaa Ittisa Biyyaa sadarkaa Sadaffaatti kan argaman Miseensonni Humna Raayyaa Ittisa Biyyaa dhiiga yuunitii 150 ol Arjoomaniiru.

Kurfii Arjooma Dhiigaa kana irratti kaayyoo Arjooma Dhiigaa kana Kan ibsan Humna Raayyaa Ittisa Biyyaa Izzii Bahaatti Itti-Gaafatamaan Hospitaala Rifaraala Raayyaa Ittisa Biyyaa kan sadarkaa Sadaffaatti Koloneel Berhaanuu Zewduu akka jedhanitti miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Bahaa hanqina dhiigaa yeroo sooma Kiristaanotaa fi Muslimoota Kanaan walqabatee Sababa hanqina dhiigaan lubbuu lammiilee darbuu danda’u irrisuuf Yaadamee arjoomni dhiigaa kana taasisuus ibsanii Arjoomni dhiigaa kun kaayyoo Ayyaana injifannoo Adwaa waliin wal qabatee karooraan qabannee Kan raawwatame jechuun ibsan.

Sagantaa arjooma dhiigaa kana irratti

Itti Aanaan Hooganaa Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Yuusuf Sa’iid akka ja’anitti Miseensonni Humna Raayyaa Ittisa Biyyaa yeroo ammaa arjoomni dhiigaa raawwatan kun ibstuu fakkeenya Namoomaa ol’aanaadha jedhanii arjooma dhiigaa gumaachitaniif

galanni guddaa qabuu jechuun ibsan.

Obbo Yuusuf itti dabaluuniis Miseensonni Humna Raayyaa Ittisa Biyyaa ji’a sadii saditti Arjooma dhiigaa tumsa guddaa damee fayyaaf taasisa jiraachuus eeranii keessumattuu yeroo Ji’a Soomaa Ramadaanaa tanaan walqabatee hanqinai dhiigaa waan jiruuf arjoomni isaanii kun akkaan barbaachisaa fi Kan yeroo barbaachisaatti argamee jedhan.

Muktaar Ahmadiin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *