Badhaadhina Dijitaalaafi mirkaneessuufi hojmaata madaallii gaggeessaa ammayyeessuun bu’aa hojii safaruuf ojiin bulchinsatti hojjetamaa niru janjabeessaa ta’uun ibsame.

Badhaadhina dijitaalawaa mirkaneessuufi hojmaata madaallii gaggeessaa ammayyeessuurratti muuxa noowwan gaggaarii Dirree Dhawaatti hojiirra oolaa jiran dhaabbilee federaalaafi naannoowwn biyyattii hundatti babal’isuuf Waajjira Paartii Badhaadhinaatti Muummeetti Hogganaa Dippaartimentii ICT kan ta’an Obbo Geetinnet Mulaatifi Ministeera Innooveeshiniifi Teeknooloniitti Hogganaa Piroojektii Mijjeessaa Neetwoorkii Biyyaalleessaa Obbo Daa i’eel Adinew gara Bulchinsa Dirree Dawaa kan dhufan yommuu ta’u, Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf waliin turtii akkaataa muuxannoowwan gaggaariin bulchinsatti hojiirra oolaa jiran fudhachuun naannooleefi dhaabbilee fesderaalaa birootti babal’isuun danda’amurratti mariin taasifame.

Waltanjii marii kanarrattis Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf haasaa taasisaniin bulchinsatti hoggantoonni sadarkaan jiru hojii idilee isaaniirratti hojmaata karoora tokko gabaasa tokkofi hojii keessoo paartichaa karaa ammayyaa’aafi saffisaa ta’een madaaluu danda’uu bira dabree hojieen karoorfaman yefoofi akkaataa karoorfamaniin qulqullinaan hojjetamaa jiraachuufi hojiin akkaataa kanaan hinraawwataminis jiraannaan gaggeessaan itti gaafatamummaa akka fudhatu taasisuuf siistamni diriirfamee jiraachuu ibsanii bulchinsi muuxannoofi hojmaanni kunneen nannoolee fi dhaabbilee mootummaa birootti akka babal’atu deeggarsa ugummaa kan taasisuufi ogeessonni kunneenis muuxannoo gaarii akka argatan abdii qabaachuu ibsan.

Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Hogganaan Damee Ijaarsaa Obbo Darajjee Tsaggaa’ee waltajjii muuxannoo waljijjiiraa gaggeeffamerrattis yaada kennaniin teeknoolojii sooftiweerii ammayyaa bchinsatti hojiirra oolaa jiran dhaabbilee federaalaa birootti fi naannoowwan bulchinsaatti babal’isuuf badhaadhina dijitaalawaa mirkaneessuuf hiojiin jajjabeessaan hojjetamaa jiraachuu himan.

Hoggantuu Biiroo Maallaqaafi Misooma Diinagdee Bulchinsa Dirree Dhawaa Aadde Mulukaa Mohammed gamasaaniitiin Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Dirree Dhawaa sirna maanuwaalii turerraa gara teeknooloojii sooftiweerii haaraa salphaa, saffisiisaa, iftoominaafi ammayyaa ta’e fayyadamuutti ce’uurratti gumaacha guddaa gochuu eeranii muuxannoo fi hojmaatni ammayyaa kuni naannolee biyya keenyaa biroo keessatti akka babal’atu, gochuurrattis qindoominaan hojjechuun gara badhaadhina walootti akka ceenu kallattii paartiin keenya kaa’een waliin nihojjechuufi haalonni miijataan uumamaniiri jedhan.

Hogganaan Komishinii Karooraa fi Diinagdee Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Haylamaariyaam Daadhii muuxannoowwanii fi hojmaata itti fayyadama teeknooloojii ammayyaa ilaallatu irratti ibsa bal’aa kennaniiti jiran.

Garee muuxannoo federaalarraa dhufaniif hojmaata karoora tokko ganbaasa tokko jedhamurratti, hoggansa leeccalloofi akkaataa gaggeessa sosochii baajataarratti muuxannoon kennameeti jira.

Bulchinsatti hojmaanni baay’ee ammayaafi teeknoolojii sooftiweeriin diriirfamee jiraachuu sakattaa’anii muuxannoowwan kunneen gara naannoowwan biyyattiitti babal’atan gochuuf hojiileen paartii badhaadhinaatiin hojjetamaa jiran cimanii kan itti fufan ta’uu yaanni ogeessota muuxannoof dhufan kanarraa dhihaateeti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *