Waldorgommii Baaskileetaa Shaampiyoonaa Biyyooleessaa Dirree Hariif Marsaa 2ffaa Warshaa Qorichaa Walwaaloo Adigiraat Bakka bu’uun Haylamalakoot Waldaabizgii Injifate.

Waldorgommii Shaampiyoonaa baaskileetaa Biyyaaleessaa Dirree Hariif Fageenya KM 100 kilaboota 6 jiddutti taphattoota 36 hirmaachisuun har’a Dirree Dhawaatti marsaan Lammafaan goolabameeti jira.

Waldaorgommii kana Haylamalakoot Waldaabizgii Warshaa Qorichaa Walwaloo Adigiraat bakka bu’uun kan injifate yommuu ta’u, Kilabii Baaskilaa Dirree Toto bakka bu’uun Amiir Jaafar Lammaffaa ba’uun akkasumas Akram Kadiir Bulchinsa Magaalaarraa sadaffaa ba’uun xumuraniiti jiran.

Waldorgommicha tokkoffaan kan injifateef badhaasni maallaqaa qarshii Kuma 10 fi meedaaliyaa warqee kan kenname yommuu ta’u, kan lammaffaanfi sadaffaan xumuraniif walduraaduubaan meedaaliyaan qarshiifi meetii kennameeti jiran.

Waldorgommichirraatti Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaatti Obbo Kadiir Juhaar dabalatee gaggeessitoonni olaanoono bulchinsaa, gaggeessitoonni kilaboota ispoortiifi ispoorteessitoonni hedduun kan argaman yommuu ta’u Kamisa dhufus Waldorgommiin sadarkaa itti aanu kan gaggeeffame ta’uun beekameeti jira.

Iliyaas Aammeetiin

Suuraa:Teedroos Luulsaggad

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *