Waltajjiin kun hojii piroojektii ADRA Itiyoophiyaa keessatti hojjetamaa jiru leenjifamtoota Dhaabbii PV soolaarii eebbifamanii fi walumaa galatti hojiiwwan pirojektichaa keessatti hojjetaman irratti mari’ateera.
Waltajjicharratti kan argaman Diiniin Kolleejjii Pooliteeknikii Itiyoo-Xaaliyaanii Obbo Taddalaa Assafaa akka jedhanitti, piroojektiin ADRA Itiyoophiyaa Dirree Dhawaa eegalamee waggaa 3 akka ibsuun hojii pirojektichaa keessatti hojjetamaa jiruun dargaggoonni hedduun qacaramaa akka jiran himaniiru.
Obbo Taaddaan akka ibsanitti, eebbifamtoota damee PV Soolaaraatiin dhaabbiitiin qacaruuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Qindeessaan Sagantaa Pirojektii ADRA obbo Bisraat Abarraa akka jedhanitti hojiin koreen yaa’a anniisaa magariisaa Dirree Dhawaatti Pirojektii ADRA Itoophiyaa jalatti hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta’uu eeraniiru.
Hojiin pirojektichaan hojjatamaa ture keessattuu baadiyyaa Dirree Dhawaatti hojjatamaa ture cimee itti fufuu akka qabu obbo Bisraat hubachiisaniiru.
Hogganaan Pirojektii Waajjira Dirree Dhawaa Pirojektii ADRA Itiyoophiyaa obbo Habtamuu Bayyana akka jedhanitti, bulchiinsa kana jalatti damee anniisaa aduutiin hojiiwwan hedduun hojjetamaa akka jiran ibsuun kunis cimee itti fufa jedhaniiru.


