Komishinar Komishinii Inispeekshinii fi Naamusaa Paartii Badhaadhinaa Dr. Dastaa Tasfaaw.
Komishiniin Inispeekshinii fi Naamusaa Paartii Badhaadhinaa, Giddugalaa , Naannolee, Bulchinsaa Magaalaa fi Dhaabbilee Federaalaa Waltajjii gamaaggamaman waloo 9ffaa raawwii Karoora hojii bara 2018 walakkeessa Waggaa , kan gaggeessaa jiru yommuu ta’u, waltajjicha cinattis hojiilee misoomaa bulchinsa Dirree Dhawaatti hojjetamaa jiran daawwate.
Daawwannaa kanaanis giddugala konveenshinii, mana kitaabaa Immirtaa Kan maallaqa gurgurtaa kitaaba Ida’amuu Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmadiin Barreeffamerraa argameen ijaarame, tajaajila ariifachiisaaf si’ataa kan kennaa jiru, Giddugala tajaajila tokkoo “Dirree Masoob” akkasumas Misooma koriidaraa daawwatamaniiti jiran.
Daawwannicharratti kan argaman Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibrahim Yuusuf Giddugalli tajaajila tokkoo “Dirree Masoob” erga tajaajila kennuu jalqabee yeroo gabaabaa ta’uu eeranii, giddugalichatti yeroo ammaa kanatti Dhaabbilee 10n tajaajiloota 73 kennaa jiraachuu ibsaniiti jiran.
Komishinara Olaanaa Komishinii Inispeekshinii fi Naamusaa Paartii Badhaadhinaa Dr. Dastaa Tasfaaw gamasaaniitiin Hojiileen Misoomaa Gurguddaan Bulchinsa Dirree Dhawaatti Hojjetamaa Jiran Fayyadamummaa Jiraattotaa Mirkaneessuu Bira Dabree Imala Magaalattii Dijitaalessuu Saffisiisaa jiraachuu dubbatan.
Dirree Dhawaarraa muuxannoon hedduun kan fudhatamudha kan jedhan Komishinar Dastaa(Dr) hojiileen hojjetamaa jiran kan namooma xiyyeeffatan ta’uusaaniitiin cimee itti fufuu akka qaban dhaaman.
Hirmaattonni daawwannichaa tokkoo tokkoo misoomni koriidaraa Dirree Dhawaatti hojjetamaa jiru kan kaka’umsaafi hamilee isaanitti uume ta’uu himaniiti jiran


