Bulchinsi Dirree Dhawaa Gaggeessitoota Gootota Nagaa Naannichaa Eegsisuurratti Dirqamaafi Ergama Itti kenname Gootummaafi Gahumsaan Bahataniif Sagantaa Beekamtiifi galateeffannee Gaggeesse.
Dhiheenyatti Yaalii Humni badii ABO shanee nageenya Naanni chaa Booreessuufi Taasise tarkaanfii Humni Nageenya Waloo Bahaa Qindoominaan fudhateen Fashalaa’uufi Humni badii kuni guutumaa guututti barbadaa’uun in yaadatama. Hoggantootaafi Miseensota qaamotii nageenyaa qindeessuudhaan nageenya waaraa akka uumamu gaggeessummaa gootummaafi gahumsa qabuun qaamotaafi dhaabbilee Tumsa taasisan humdumaaf bulchinsi sagantaa galateeffannaa kana gaggeesseeti jira.
Sagantaa kanarrattis gahumsa gaggeessummaa isaaniitiin kan Badhaasa addaa badhaafaman Kabajamoo Kantibaa Obbo Kadiir Juhaar Nageenya waaraan uumame wareega lubbuutiifi gaggeessummaa gootummaa qabuun dhufuu eeranii kunimmoo cimee akka Itti fufu dhaamsa dabarsaniiti jiran.


