Guyyaa Dubartoota Addunyaa yeroo 114f kabajame

#DGC Guraandhala 29/2017

Bulchinsa Dirree Dhawaatti Guyyaa Dubartoota Addunyaa yeroo 114f mata duree”Jijjiiramni hundagaleessa si’ataa fi itti fufiinsa qabu hirmaannaa dubartootaatiin mirkanaa’a!” jedhuun kabajame

Waltajjii kanarratti argamuun Kabajamoo Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Jawaar ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru. Mirga diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa dubartootaaf beekamtii kennuu bira darbee heerri Federeeshinichaa sadarkaa hundatti hirmaannaa fi fayyadamummaa isaanii mirkaneessuuf hojii hedduu hojjachaa jira jedhan.

Jijjiirama booda sadarkaa bulchiinsaattis ta’e sadarkaa biyyaatti dubartoonni dirree siyaasaa irratti dhiirota waliin walqixa hirmaatu Kantiibaan Kadiir mirgi filachuu fi filatamuu isaanii gama hooggansaa fi itti gaafatamummaan akka fuulduratti fiduuf carraaqqiin guddaan godhameera jedhan. Mirgoonni heera mootummaa isaaniif kenname akka kabajamuu fi fayyadamummaan isaanii akka mirkanaa’uuf hojiiwwan qabatamaan hojjetamuus hubachiisaniiru.

Guyyaan dubartootaa idil-addunyaa bara kanaa waltajjii sochii qindaa’een dubartoota sadarkaa bulchiinsaa fi biyyaatti guddisuun dubartoota dinagdeen humneessuu fi hirmaannaa diinagdee isaanii guddisuun Karaa kanaan carraa siif uumame sirnaan akka fayyadamtuu fi aadaa qusannaa kee sadarkaa olaanaatti akka guddifattu ergaa isaanii dabarsaniiru.

Dhumarratti ,boondii waggoota darban ijaarsa Hidha Haaromsaaf hojjechaa turtan bitachuu itti fufuun imala badhaadhinaa sadarkaa bulchiinsaa fi biyyaatti eegalame yeroo gabaabaa keessatti galmaan gahuuf gumaacha guddaa akka gootan jechuun kabajamoo kantiibaan Obbo Kadiir Jawaar dhamsa dabarsaniiru.

Itti Aantuun Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Loommii Badhoo akka jedhanitti guyyaa dubartootaa bara kanaa yeroo kabajnu irra caalaa Gamtaa Misooma Dubartootaa cimsuu, aadaa qusannaa dubartoota misooma keessatti hammatamuu fi hin hammatamne guddisuu, walitti dhufeenya maallaqaa uumuu, kunuunsa fayyaa guddisuu, qorannoo gadameessaa fi sakatta’iinsa fayyaa biroo, akkasumas sochii dubartootaa uumuun misooma irratti bobba’uu boondii uumuun hojjechaa jirra jedhan .

Agarsiisni intarpiraayizoota dubartootaatiin qophaa’ee kaleessa eebbifamee baname kun oomishaalee fi tajaajiloota dubartootaan oomishaman beeksisuuf gumaacha olaanaa akka taasise kabajamoo itti Aantuu Af -yaayii Mana marii bakka bu’oota Ummataa Loomii Badhoo ibsaniiru.

Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Hawaasummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Adde Hukmiyaa Mahaammad akka jedhanitti, Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Bulchiinsa Dirree Dhawaa, dirqamaa fi itti gaafatamummaa labsichaan kenname irratti hundaa’uun, dubartoonni bulchiinsa kana keessa jiran mirgaa fi nageenya isaanii kabachiisuuf, akkasumas damee hundaan akka hirmaatan fi fayyadamoo ta’aniif haala mijataa uumuuf akka ta’e ibsaniiru.

Adde Hukmiyaan itti dabaluudhaan bulchiinsi kun dubartoonni dhuunfaan osoo hin taane sochiiwwan diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa adda addaa irratti bu’a qabeessa ta’een akka hirmaatan Aanaalee magaalaa 9 fi kilaastara baadiyyaa afur hunda keessatti waldaalee misooma dubartootaa gurmeessuu fi hojiirra oolchuun damee hundaan bu’aa hedduu galmeessuu danda’eera.

Yaassin Abdallaatiin

Suuraa: Aganyaaw Shawaaragad

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *