Bulchiinsa Dirree Dhawaa Waajjira Aanaa 08 tti waajjirri Goflaa Dargaggootaa Koomishinii DDargaggootaa fi Ispoortii waliin ta’uun Gaggeessonni Bulchiinsaa Nageenyaa eegsisuu fi Misooma Saffisiisuu irratti shoots gumaachaniif Sagantaa Beekamtii fi Galateefannaa gaggeefame.
Akkasumaas Waltajjicha irratti Filannoo Biyyaalessaa 7ffaan kan Naga’aa, Dimokraatawaa fi Amanamtummaa akka qabaatuuf ga’ee Dargaggoonni gumaachan irratti leenjiin kennameera.
Waltajjicha irratti Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar Lagni Harree iddoon Ogeeyyiin Ispoortii fi Aarti akkasumaas dameewan Ogummaa adda addaan Namoonni milkaawuun Hojii dhalootaa dhalootatti ce’u hojjatan keessaa maddanii jedhanii Imala Badhaadhinaa Biyyi teenya Itoophiyaa fi Bulchiinsi Dirree Dhawaa jalqaban irratti Dargaggoonni Dammaqinaan akka Hirmaachuu qabaniis akeekan.
Hogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf Hojiileen Aanaa 08tti Jalqabamee Cimee Akka Ittii Fufuuf Dargaggeessi Biyya Qeebalee Hojjata Waan Ta’eef Guddina Biyyattiin Imalaa Jirtu Deeggaruun Akka Paartittiis Akka Dargaggoottiis Fakkeenya Ta’uu Akka Qaban Himanii Keeysattuu Filannoo As Deemaa Jiruu Nagayaan Akka Xumuramuuf Dargaggoonni Shoora Ofii Isaanii Bahachuu Akka Qaban Dhaaman.
Komiishinarri Komiishinii Qajeelcha Walii Gala Poolisii Dirree Dhawaa Alamuu Magraa Dargaggeessii Aanaa 08’tii Akkuma Qaroo Ija Ofiitti Nageenya Isaanii Jiranitti Dargaggoon Fakkeenya Hojiilee Hunda Keessatti Hirmaannaa Cimaa Gochuun Bulchiinsaaf Fakkeenya Tahuu Akka Qaban Dubbatan.
Komiishinarri Komiiishinii Dargaggoo Fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kaalid Mahaammad Sirna Filannoo Keeysatti Dargaggoon Bu’uura Ta’uu Himanii, Haqa Qabeeysummaan Hirmaachuun Nageenya Jiru Cimsanii Itti Fufsiisu Akka Qaban Dubbatan.
Waltajjicha irratti Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar,Hogganaa Paartii Badhaadhinaa Damee Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf,Komishinara Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Dirree Dhawaa Komishinar Alamuu Magiraa,Komishinara Dargaggoo Fi Ispoortii Bulchiinsaa Komishinar Kaalid Mahaammad, Dabalatee Gaggeeysitoota Aanichaa Sadarkaan Jiranii Fi Dargaggootaa Fi Hawaasni Waamichi Taasifameef Hirmaataniiti Jiran.


