Ji’a Sadaasa 23 bara 2017 Biyya Paaraaguwaayitti Dhaabbanni Barnootaa, Saayinsii Fi Aadaa Kan Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO) Yaa’ii gaggeesseen Heer-Iissee Heerii hin barreefamne Kan Aadaa hawaasaa IIssaa Hambaa Killayyaa Itoophiyaa ta”ee Galmaawuu ta’uu isaatiin Kurfiin Sagantaa addaa fi Biyyaalessaa taasifamuuf Kurfiin haal-duree xumuramuu Koreen Qindeessaa Kan Biyya Itoophiyaa, Jabuutii fi Soomaaliyaa gamtaan Kan Akka Heer-Iisseen Hambaa Killayyaa Adunyaa ta’ee galmaa’uuf Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii Fi Aadaa Kan Mootummoota Gamtoomanii UNESCOtti Kan dhiheesse Guyyaa arraa Magaalaa Dirree Dhawaatti ibsa Gaazexeesitootaaf laateen beeksise.
Kurfiin kuniis Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Soomaalee, Faawundeeshiniin Heriteejii Sitiidhaa fi Abbaan Taayitaa Eegumsa Hambaalee waliin ta’uun Kan qopheessan taachaas ibsameera.
Sagantaan kurfii kanaas Amajjii 16 fi 17 bara 2017 Istaadiyamii Idil-Adunyaa Kan Dirree Dhawaatti hirmaatota kum 30 ol’ hirmaachisuunMarii Paanaaliin, Beekamtii fi Galateefannaan akkasumaas Koonsartii Muuziqaatii Akka gaggeefamuus ibsan
Hawaasni Iissaa heerii hawaasa IIssaa Jaarraa 16ffaa irraa eegalee jalatti walitti qabamuudhaan heera dhala hariiroo isaanii cimsatanii waldandahuun waliin jiraachuuf isaan dandeeysise waggoota 500 oliif itti tajaajilamaa ture kun kabajaa fi beekkamtii isaan malu argatee hambaa killayyaa addunyaa tahee Yuuneeskootti galmaawuun isaan heera aadaa haqa qabeeysa hawaasa biyyoota gaanfa Afrikaa sadi walitti hidhee fi hariiroo biyyootaas cimsuuf shoora Ol’aanaa Kan qabuudha.
Abdii Adamiin
Suuraan Salaam Ababaa


