#Oduu Jilli Itti aanaa kantiibaa bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuhiin durfamu sheedoota giddu gala gabaa daldalaa bulchiinsa Dirree Dhawaa yeroo gara garaatti ijaaraman daawwateeti jira.

Daawwannaa Dirree taasisaniin, wiirtuuwwan kilaastara 21 bulchiinsi ijaarame dabalatee, sheedoota indastirii oomishaa ijaaramaa jiran gamaaggamaniiti jiran.

Itti Aanaan Kantiibaafi Itti Gaafatamaan Biiroo daldala industiriifi investimantii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh Akka ibsanitti sheediiwwan ijaaraman kaayyoo yaadameefirra akka oolaniifii gaafiilee bulchiinsa gaarii irra deddeebiin uummatarraa ka’an furuudhaan haaraatti gurmeeysuuf koreen hundaa’ee hojjatamaa jiraachuu dubbataniiti jiran.

Kanaan dura wiirtuun kilaastaraa ijaaramanii kan turan ta’uus, akkaataa itti fayyadamaatiin wal qabatee rakkooleen hedduun jiraachuufii manneen daldalaa tajaajila dabalataa hin kennine hedduun akka jiran ibsameeti jira.

Bulchiinsa Dirree Dhawaatti roga gurgurtaafii oomishaarratti rakkoo hanqina sheedii mul’atu furuudhaaf sheedoota ijaaraman irra deebiin gurmeeysuufi haaroomsuun qonna Ammayyaa, Oomishoota warshaatiifi meeshaalee bu’uraa hawaasaaf gatii madaalawaan dhiheysuuf hoojjatamaa jiraachuuniis ibsameeti jira.

Sheediiwwan daldalaa oomisha qonnaaf tajaajila walitti hidhame kan kennan yoo ta’u, hawaasa fayyadamtootaaf oomishaalee adda addaa akka dhiyeessan xiyyeffannaan akka hoojjatamu ibsameeti jira.

Akka karoora wiirtuuwwan industirii Dirre Dhawaa babal’isuuf qophaa’etti ganda industiriitti sheediwwan 6 abbaa karee meetita 1000 hoojjatamaa kan jiran yammuu tahu, haanga ji’a hagayya 20016tti xumuramuun tajaajilaaf kan dhihaatan taha.

Amma dura sheedoota bulchiinsa Dirree Dhawaa Aanaalee Sagalanuu keessatti ijaaraman ammayyaawaa kanneen sadarkaa isaanii eeggataniifi manneen daldalaa miidhagina magaalaatiif oolan irra deebi’uun ijaaruun gatii gad’aanaan hawaasaaf dhiheeysuuf hojiileen diizaayinaa hojjatamanii xumuramuu ibsuun qaamota dhimmichi ilaallatu waliin qindoominaan hojjatamaa jiraachuu Obbo Harbii Buuh ibsa isaanii keessatti addeeysaniiti jiran.

Qunnamtii Hawaasaa B/D/I/I, Bulchiinsa Dirree Dhawaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *