#DGC Sadaasa 4/2017
Afa-yaa’iin Mana Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Adde Fatiyaa Adan Guyyaan Ayyaana Sabaa Sablamootaa fi Ummatoota Itoophuyaa marsaa 19 ffaa ilaalchisuun ibsa gaazrxeesitootaaf laataniin ergaa baga Nagaan isin ga’ee dabarsanii Ayyaanni Sabaa Sablamootaa fi Ummatoota Itoophiyaa marsaa 19 ffaan baranaa “Waliigalteen biyyaalessaa Tokkymmaa Biyyaaf” mata-duree jedhuun haala addaan kurfiiwan gara garaan hanga Sadaasa 18 akka kabajamuus ibsan.
Ayyaana Sabaa Sablamootaa fi Ummatoota Itoophuyaa marsaa 19 ffaan baranaa kana waan adda taasisu keessaa tokko Siyaasaan Biyya teenya Itoophiyaa keessatti Sirna hammataa fi Dimokraatawaa kana gaaffiiwan Sabaa Sablamootaa fi Ummatoota Itoophiyaaf deebii sirrii laate Paartiin Badhaadhinaa Waggaa Shanaffaa Hundeefama isaa yeroo kabajnutti kan kabajamuus ta’uun adda taasisaa jedha.
Kabajamtuu Adde Fatiyaa dhuma irrattiis hawaasni Marti Ayyaana Guyyaan Ayyaana Sabaa Sablamootaa fi Ummatoota Itoophiyaa marsaa 19 ffaa irratti akka dammaqinaan hirmatan jechuun dhaaman.
Abdii Adamiin
Suuraan Aganyahu Shawaarraggaa


