Manni Marii Bulchinsa Dirree Dhawaa Yaa’ii Ariifachiisaa 3ffaa Bara Hojii 3ffaa Waggaa 5ffaa Gaggeesse.

Manni Marichaa Yaa’ii Ariifachiisaa 3ffaa Bara Hojii 3ffaa Waggaa 5ffaa har’a Gaggeesseen ajandaawwan yaa’ii wariifachiisaaf dhihaatanirratti mari’achuun Mirkaneesseeti jira.

Haaluma kanaan manni marichaa qaboo yaa’ii idilee 10ffaa bara hojii 3ffaa waggaa 4ffaa sagalee guutuun kan mirkaneesse yommuu ta’u, waltajjii kanaanis muudamoota dhihaatan mirkaneesseeti jira.

Afayaa’ii Mana Marii Bulchinsa Dirree Dhawaa Aaddee Fatiyaa Aden Fedhiisaaniin gaaffii aangoo gadhiisuu dhiheeffatan Manni marichaa irratti mari’achuun kan mirkaneesse yommuu ta’u, Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Daldalaa Industiriifi Invastimantii Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Abdii Muktaar Afayaa’ii Mana Marii Bulchinsa Dirree Dhawaa gochuun Muudeeti jira.

Gama biraatiinis Aadde Lalisee Ahmad Hoggantuu Biiroo Dhimmoota Dubartotaa ,Daa’immaniifi Hawaasummaa Bulchinsa Dirree Dhawaa, Obbo Biruk Warqinaaa Hogganaa Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Bulchinsa Dirree Dhawaa, Obbo Fu’ad Mohammed Hogganaa Waajjira Mana Marii Bulchinsa Dirree Dhawaa gochuun muudeeti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *