Kaabineen Bulchinsa Dirree Dhawaa Walgahii Idilee Har’a Taa’een Murteewwan Dabarsan.

Walgahii idilee har’a waaree booda taa’een Kaabineen Bulchinsa Dirree Dhawaa mootummaan jireenya Hojjettoota mootummaa fooyyessuuf daballii mindaa taasiseefi dhimmoota lafaafi lafaan walqabatanirratti mari’achuun murteewwan dabarseeti jira.

Haaluma kanaanis Kaabineen bulchinsaa akkaataa daballii mindaa hojjettoota mootummaa mootummaan kaa’een Ji’a Fuulbaanaa bara 2018 irraa jalqabee kanfaltiin akka raawwatamuuf mari’achuudhaan murtee dabarseeti jira.

Daballii mindaafi Dirgoo hojjetaa mootummaa walqabatee qajeelfamni akkaataa kaffaltii eeramerratti sandni Biiroo Sivil sarvisiifi Misooma Humna Namaa Bulchinsa Dirree Dhawaatiin Dhihaachuun Mariin kan taasifame yommuu ta’u, akkaataa hojiirra oolmaasaarratti Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar kallattii kaa’aniiti jiran.

Kabajamoo Kantibaa Obbo Kadiir Juhaar Daballiin Mindaa Hojjettoota mootummaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmadiin taasifame tarkaanfii guddaa ta’uu hubachuudhaan hojjetaan kamiyyuu amanamummaan, dammaqinaa, akkasumas kallattii sirriitiin hojjechuudhaan ummataisaanii akka tajaajilaniifi rakkoolee Bulchinsa gaarii ummanni kaasan furuurratti human oomishaafi misoomaa akka ta’uu qaban dhaamsa dabarsaniiti jiran. Daballii mindaa hojjetaa kunis walakkeessa ji’a Onkololeessaarraa jalqabee akka kafalamu kaabinichi murtee dabarseeti jira.

Dhumarrattis Kaabinichi ajandaalee lafaafi dhimmoota lafaan walqabatanirratti mari’achuudhaan murteewwan dabarseeti jira.

Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Bulchinsa Dirree Dhawaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *