Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Raawwiin hojii Galmee Xalayaa eenyummaa Dijitaalaa fi Itiyoo Koodaroota Miiliyoona 5 sadarkaa irra jiru ilaalchisuudhaan gamaagammiin gaggeefame.
Xalayaa eenyummaa Dijitaalaan walqabatee Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Raawwiin irra jiru gaarii ta’uus j’oota 5 keessatti jiraatota kum 135 galmeessuun akka qabna jechuun Itti-Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh ibsan.
Obbo Harbiin ittidabaluuniis Dhimma Itiyoo Koodaroota Miiliyoona 5 walqabatee Bulchiinsa Dirree Dhawaatti waggoota sadeen itti-aanu keessatti jiraatota Kum 37 galmeessuun akka irra jiruu fi ragaan hamma ammaatti jiruun Dargaggoonni kum 17 ol galmaa’uu isaanii ragaan akka mul’isuu fi ji’oota shanan dhufu keessatti Dargaggoota Kum 19 hamma kum 20 galmaa’uu akka qabaniis Obbo Harbiin addeessan.


