Artiisti Gameessa, Hayyuu fi Qabsaawaan Artiisti Mahadii Sheekaa “Tokkummaan” Dirree Dhawaatti haala miidhagaa fi hawwatala ta’een eebbifame.
Sirna eebbaa kana irratti Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamaa Obbo Kadiir Juhaar Akka jedhanitti
Weellisaa Mahaadii Sheekaa Waggoota darban Artiistoota Weelluun qabsaawaa Turan keessaa tokko jedhanii ammaas Albama Albama Mata duree “TOKKUMMAA” jedhuun eebbisiise kun kan haala yeroo waliin deemuu jedhan.
Weellisaa Mahaadii Sheekaa, Gama isaan Albama haaraa mata duree “TOKKUMMAA” jedhuun hojjedhe kun tokkummaa Amma Dhimma akkaan nu barbaachisu kan arenas dabarte Barsiisuu fi fuulduraas akeekuuf hojjatamee jedhan.
Weellistoota hangaf0oota kaleessaa fi qabsaawaa gameessi Artiisti Mahaadii Sheekaa, bara 1980 irraa jalqabee waggoota 30 oliif indaastirii Muuziiqaa keessatti Albamoota 13 hojjechuun Ummataa biraan gahuun isaa ni beekama.
Artiisti Mahaadii Sheekaa walleewwan isaatiin jaalalaa, haqa, walqixxummaa fi Bilisummaa dabalatee Aadaa fi seenaa Ummata Oromoo dhaadheessuu fi beeksisuun kan beekamuudha.
Walleen isaa “Manni Abbaa Gadaa mee kami karaanii, ja’anii hingaafatan ni beeka garaanii” jedhuun hojjete Muuziiqaa sammuu dhalootaa keessatti iddoo olaanaa qabduudha.
Albama haaraa 14ffaa fi mata duree “TOKKUMMAA” jedhuun maxxansiisees, Magaalaa Dirree Dhawaa Hoteela Bii-Kaappitaalitti, bakka Aartiistoonni bebbeekamoon, anga’oonni mootummaa, Abbootiin Gadaa fi Haadholii Siinqee dabalatee, keessummootaa fi dinqisifattoonni isaa argamanitti eebbisiiseera.
Abdii Ademiin
Suuraa Aganyahu Shawaaraggaa


