Miidhaa Dhibeen Echi Aa’ii Vii Edsii geesisu hir’isuufi to’achuuf Hojii damee baay’ee hojjatamaa Jiraachuun ibsame.

Biiroon Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Miidhaa Dhibeen Echi Aa’ii Vii Edsii geesisu hir’isuufi to’achuuf Manneen Barnootaa irratti hubannoo Baratootaa gabbisuuf Baratoota Mini-Miidiyaa Manneen Barnootaa irra hojjataniif Leenjii hubannoo Uumuu laateera.

Leenjii Hubannoo Qophaa’eirratti Hooganaan Biiroon Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Biruuk Falaqaa Akka jedhanitti Miidhaa Dhibeen Echi Aa’ii Vii Edsii geesisu hir’isuufi to’achuuf Hojii damee baay’ee hojjatamaa Jiraachuu ibsanii kana keessaa tokko Baratoonni Mini-Miidiyaa Manneen Barnootaa irra hojjatan yerooammaa Dhibeen Echi Aa’ii Vii Edsii Miidhaa geesisaa jiru irratti hubannoo ga’aa qabaatanii Baratootaas Akka qabsiisaniif Yaadamee waltajjiin kun qophaawuu himanii hojiin walfakkaataan kanneen biroos ittifufiinsaan Akka hojjatamuus addeessan.

Biiroon Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa hojiiwan Bulchiinsi Dirree Dhawaa damee gara garaa irratti hojjachaa jiru qindoominaan raawachaa jiraachuus addeessanii fuuldurattiis dameewwan adda addaa irratti hojiin walfakkaataa Akka hojjatan addeessan.

Abdii Adamiin

Suuraan Salaam Ababaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *