Manni Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa yaa’ii Idilee 11ffaa Bara Hojii 3ffaa waggaa 5ffaa gaggessuu jalqabe irratti Kantiibaan Bulchiinsaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar Gabaasa Raawwii Hojii kan Ji’oota jahan darbanii dhiheessaaniin Bulchinsatti Sochiiftota Kum 2 ta’aniif Liqaan Birrii Miiliyoona 310 kennamuu Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar ibsan..
Hojiilee Industirii oomishaa guddisuuf Ji’oottan Jahaan Dabranitti Hojjetameen, Abbootii Qabeenyaa rogichaan Kaappitaala ka’umsaa qabrshii biiliyoona 7.2 galmeeysan 40f hayyamni Investimantii laatamuu kantiibaa Kadiir Juhaar ibsan.
Yaa’icharratti gabaasa roga dinagdeetiin hojjetame kan dhiheeysa kantiibaan bulchiinsa dirree dhawaa kabajamoo obbo kadiir juhaar akka jedhanitti, roga qonnaatiin oomishaafi oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluun wabii midhaan nyaataatiin of danda’anii guddin dinagdee magaalattii gumaachuu akka danda’aniif hojiin baayyeen hojjetamuu ibsaniiti jiran.
Bara oomishaa 2017/18 lafa hektaara kuma 15 midhaan nyaataatiin uwqisuun karoorfamee milkaa’inni dhibbentaa 98 galmaa’uu ibsaniiti jiran.
Hanqinni roobaa mudatee tureen hoongeen akka hin mudanneef midhaan yeroo gabaabaatti gahan oomishuuf hojii hojjetameen bu’aan olaanaan galmaa’uu ibsameeti jira. Roga misooma jallisiitiin jallisii duraan jiraniifi haaraa hojjetameen oomisha hortikaalchariitiin lafti hektaarri 3053 oomishaan uwwifamuufi oomishni kuntaalli kumni 825,117 kan sassaabame tahuun ibsameeti jira.
Gama horsiisaatiin hojii hojjetameen walumaa galatti bara 2018 ji’oottan jahaan dabranitti, Aanan liitira miiliyoona7.2, killeen miiliyoonni 6.8, Dammi kiloogiraama kuma 22, Foon lukkuu kilogiraama 42 oomishuuf karoorfamee raawwiin galmaawe oomisha hundaan dhibbentaan 95-100 galmaawee jiraachuu kantiibaa kadiir juhaar gabaasa dhiheeysan keeysatti ibsaniiti jiran.
Jijjiirama haala qilleensaa dandamachuuf hojii hojjetameen lafti hektaarri kumni 1 tuttuqqii namaarraa bilisa taasifamuun ibsameeti jira. Dabalataaniis hojiin eegumsa biyyeefi bishaanii taasifameen lafti magariisaan uwwifamuun bishaan lafa keeysaa gabbachuun ibsameeti jira, oomishaafi oomishtummaaniis dabaluu dandaheeti jira.
karoora waldaalee hojii gamtaa haaraa 34 gurmeeysuu kan qabame yammuu tahu waldaalee 35 karooraa ol milkeeysuu danda’ameeti jira. gara biraatiin hojii deegarsaafi waldaalee cimsuuf karoorfameen waldaalee 70 cimsuuf karoorri kan qabame yammuu tahu karooraa ol waldaalee 85 cimsuu kan danda’ame tahuun ibsameeti jir.
walakkaa waggaatti qarshiin miiliyoonni 153 ta’u fayyadamtoota sagantaa seeftineetiif dabarfamee kan kenname yammuu tahu, namoota 7706 sagantaa seeftineetii fayyadamaa turan eeybisuun qarshii miiliyoona 250 deeggarsi taasifameefiiti jira.


