Waajjirri Damee Paartii Badhaadhinaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa hoggantoota ol’aanoo fi giddu galeessaaf leenjii guyyoota sadiif kenne ture guyyaa har’aa xumuramu Imala badhaadhina Dirree Dhawaa teeknooloojii ammayyaawaan deegaruun akka barbaachisu ibsame..
Kurfii leenjii kana irrattis magaalaa ismaartii ijaaruu fi tajaajila dhaabbileen karaa teeknooloojiin kennaman guddisuun hojjetamuu akka qabu, keessumaa immoo bulchiinsi misooma lafaa, abbaan taayitaa galii, fi dandeettiin komishiniin poolisii hojii isaanii karaa teeknooloojiin gabbisuu danda’uun isaanii hawaasa fayyadamtootaaf tajaajila gahumsa qabu akka kennan gargaaran guddaa akka ta’e ibsameera.
Dhaabbileen biroos tajaajila isaanii teeknooloojiin deegaruu hojii jalqaban akka cimsanii ittifufuu qabaniis ibsameera.
Muktar Ahmedin
Suraan Ageenyahu Shawaaragaa


