Jiilli Ambaasaadara Faransaay Miistar Aleeksis Laameekiin duurfamu Hojiif Dirree Dhawaa seenan

Seenarota shan kan hammateefi

Itoophiyaatti Ambaasaadara Faransaay Miistar Aleeksis Laameekiin kan duurfamu jiilli Faransaay dhimma Hojiif Dirree Dhawaa seenan

Jiilli kun gara Dirree Dhawaa yeroo ga’an Buufata Dirree Xayaaraa Idil-Adunyaa kan Dirree Dhawaatti simannaan taasifameefiif jira.

Jiilli kun turtii isaa kan Bulchiinsa Dirree Dhawaatti taasisuun hambaawan Turizimii fi carraawan dameen investimentii akka daawatan beekuuf danda’ameera.

Torbaan lamaan dura Xalayaa muudama isaanii kan fudhachuun gara Itoophiyaa dhufuun hojii kan jalqaban Itoophiyaatti Ambaasaadara Faransaay Miistar Aleeksis Laameekiin daawwannaa hojii koo kan jalqabaa Seenarota Faransaay sadi’i waliin ta’uun Dirree Dhawaatti taasisuun koo hariiroo Cimaa Diploomaasii fi Seenaa kan biyyoota lamaanii ka’umsa godhachuun daawwannaaf gara Dirree Dhawaatti dhufuu isaanii kan ibsan Itoophiyaatti Ambaasaadara Faransaay Miistar Aleeksis Laameekii hariiroo biyyoota lamaanii kan gara sadarkaa Ol’aanaatti ceesisuufi kan hojjatan ta’uus addeessanii hariiroo Itoophiyaa fi Faransaay Waggaa 125ffaa ilaalchisuun daawwannaa taasifamuu kun Magaalaa Dirree Dhawaatti taasifamuun isaa Dirreen Dhawaa tan hariiroo Biyyoonni lamaan jalqabanii waggaa sadi booda

Ji’a Afraasaa 22 bara 1902 A.L.A Guyyaa Hundeefama Dirree Dhawaa magaalaa taatee hundeefamuu isheef hariiroo Biyyoonni lamaanii shoora ol’aanaa qabaachuu kan mul’isu jedhan.

Abdii Adamiin

Suuraan Abiyi Shimallis

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *