Dameewwan maraan Artefishaal Intalijansii fayyadamuun Akka Biyyaatti Guddina keenya saffisiisuuf kan gargaaru tahuun ibsame.

Jiilli Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaariin duurfamu kan Gaggeessota Ol’aanoo Bulchiinsaa hammate Ejansii Artefishaal Intalijansii Itoophiyaatti daawwannaa hojii Muuxanannoo qoodachuu gaggeesseera.

Daawwannaa kana irratti Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar Akka jedhanitti Imala Dirree Ismaartii Horachuuf jalqabame keessatti Bulchiinsa ammayaawaa dhug9omsuuf

Dhawaa Dijitaaleessuuf jalqababame keessatti Artefishaal Intalijansii fayyadamuun bu’aan qabuus ol’aanaa waan ta’eef gaggeessonni Bulchiinsaa kana hubatanii Imala kana Akka milkeessuu keessatti qooda gama isaanii bahaniif yaadamee daawwannaa kun qoohaawuus addeessan.

Dargaggoonni kan ilaalanii guddatan waan baay’ee uumuu akka danda’anis ibsaniiru.

‎”Haadni 2ffaan baay’ee na dinqisiise ‘AI Start up center’ ” kan jedhan Dooktor Abiyyi muuxannoo isaa Faransaayi deemanii akka daawwatan ibsaniiru.

‎Yaadni ‘AI Start up Center’ kunis yaada namootaa walitti qabuun erga waldorgomsiisanii booda pirojektii guutuu taasisuun yaalii erga adeemsisani eebbisanii gadi baasuu akka ta’es ibsaniiru.

‎Itoophiyaa keessattis yaada dargaggoota walitti qabuun iddoo hojii, biiroo, kompiteeraafi intarneetii qabu qopheessun yaada isaanii qindeessanii kampaanii dhunfaatiin walqunnamsiisuun waan salphaa akka hin ta’inis eeraniiru.

‎Haalli kunis mootummaan ta’e jedhee dargaggootarratti hojjechu akka qabu kan agarsiisudha jedhaniiru.

‎Giddu galli AI kunis yaada duraan Itoophiyaafi Afrikaa keessatti “kun hin danda’amu” jedhamee yaadamu san hambisuu akka danda’e Dooktor Abiyyi ibsaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *