Hojiiwan Misooma Bu’uuraa Dirree Dhawaatti hirmaannaa Hawaasaatiin Hojjataman kutaalee biyyattii Birootiif Fakkeenyummaa qabuu jechuun ibsan.

Jilli Piroofeesar Mahammad Abdootin Duurfamu Bu’uuraalee Misoomaa Bulchiinsatti Hojjataman Daawwatee Jira.

Sagantaa Daawwannaa kana irratti walitti qabaan koree Dhaabbii Dhimmoota Bu’uuraalee Misooma Magaalaa fi Geejjibaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa kan tahan Piroofeesar Mahammad Abdoo, Bulchiinsi Dirree Dhawaa qabeenya muraasa qabutti sirnaan fayyadamuun hojiilee fooyyee qaban kan iddoo biraatiif fakkeenya tahuu danda’an hojjechuu isaanii sagantaa daawwanna kanarratti ibsaniitii jiran.

Piroofeesar Mahammad itti dabaluun Bulchiinsi Dirree Dhawaa akka hanqinaatti rakkoo baajaataa waliin walqabatee jiru akka galteetti fudhachuun, Qaamolee dhimmi ilaallatuu biraan gahuun akkaataa furmaata waaraa itti argaturratti qindoominaan waliin hojjetan tahuu ibsaniiti jiran.

Jilli Koree Dhaabbii Mana Marii Bakka Bu’oota Uummataa kun Daawwannaa isaatiin, Hojiilee bu’uuraalee Misoomaa Bulchiinsatti turtii yeroo gabaabaa keesatti hojjetaman kanneen akka Jiddu gala Tajaajila Fooddaa Tokkoo “Masoob Dirree”, Mana Kitaabaa Immirtaa, Mana Waliin jireenyaa Naannoo Indaastiriitti ijaaramanii fi Dirree Kubbaa Miilaa Idil Addunyaa Dirree Dhawaa Daawwachuun Yaadota galtee jajjabeessoo tahan kennanii jiran.

Sagantaa Daawwannaa kanarratti itti Aanaa kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh, Af-Yaa’ii Mana Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Aadde Fatiyaa Aadanii fi Jilli Piroofeesar Mahammad Abdootiin durfamuu dabalatee, Hoggansi bulchiinsaa sadarka sadarkaan jiran argamaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *