Bulchinsa Dirree Dhawaa Aanaa 03 tti hojii Misooma koridaraa hojjetamaa jiru cimnee itti fufna jechuun Jiraattonni aanichaa dubbatan.
Misoomni koridaraa otuu hinjalqabami dura daandileenfi manneenfi iddoon tokko tokko yeroo deeraaf otuu hinhooromsamin turuurraa kan ka’e akka malee dulloomuudhaan fi miidhamuu akkasuma iddoo balfi adda addda Itti gatamaniifi seebaafi maqaa gaarii magaalattiin qabdu waliin kan hindene akka tureefi yeroo ammaa kana Misooma Koriidaraa hojjetaman jiruun daandiileen, manneefi iddooleen daandii cinaa hawwatoofi iddoo bashannanaa ta’aa jiraachuu jiraattonni kunneen ibsaniiti jiran.
Manneen daandii magaalaa cinaa hedduu dullooman yeroo ammaa kana hirmaannaa Qindaawaa jiraattota naanichaa, abbootii qabeenyaafi mootummaatiin haaromsamaa jiraachuu kan eeranii jiraattonni kunneen Hojiilren kunneen halkaniif guyyaa hojjetamuudhaan saffisaan ijaaramaa jiraachuu fi kanamoo jiraattonni deeggarsa barbaachisuun kan cinaa dhaabatan ta’uu ibsaniiti jiran


