Dhaabbanni Baabura Lafoo Dirree-Dawwallee Balaa Baabura Mudateen Lubbuun Namoota 15 Darbuu Ibse.

Dheengadda Balaa Baabura imaltootaa Dawwalleerraa gara Dirree Dhawaa Imalaa jiru mudateen lubbuun namoota 15 darbuu Hoji-gaggeessaa olaanaan Dhaabbata Baabura Lafoo Dirree Dhawaa-Dawwallee Obbo Ayyalaa WaldaYohannis Har’aa ibsa gaazeexeeysootaaf kennaniin ibsaniiti jiran.

Balaa kanaanis miidhaaan qaamaa salphaafi cimaan namoota 28 irra gahuufi namoonni 13 immoo yaalii salphaa argataniin fayyanii gara mana isaanii galuu danda’uu kan ibsan Obbo Ayyalaan namoota lama miidhamni qaamaa cimaan irra gahuufi namoonni 7 ammoo yeroo ammaa kanatti hospitaalatti wal’aansi godhamaafii kan jiru tahuu dubbataniiti jiran.

Baaburichi walumaagalatti Furgoo 8, jechuuniis furgoo 6 kan fe’umsaafi futgoo 2 kan imaltootaa qabatee Dawwalleerraa ka’uudhaan Bulchinsaa Naannoolee Somaalee jalatti kan argamtu Magaalaa Shinniilee yommuu gahu Baabura hojjettootaa kan dhaabachaa jiru waliin walitti bu’uudhaan Balichi mudachuu Obbo Ayyalaan ibsaniiti jiran.

Waan hundumaa caalaa lubbuu baraaruufi kanneen lubbuun isaanii darbe barbaaduudhaan sirna awwaalchaa taasisuuf bulchinsa waliin hojjechaa jiraachuu kan eeran Obbo Ayyalaan Dhaabbatichi Bulchinsa Dirree Dhawaa fi jiraattoonni “City Zone” deeggarsaafi dirmannaa taasisaniif guddisee galateeffachuu ibsaniiti jiran.

Baaburri Dirree Dhawaa Dawwallee torbettii yeroo lama imaltootaafi oomishaalee industiriifi kanneen biroos deddeebisaa kan jiruufi ji’oottan sadan darban keessatti imaltootaa kuma 3 fi 975 akkasumas meeshaalee toonii Miliyoona 4 fi 854 deddeebisaa turuu Homing aggressive ibseeti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *