Komishiniin Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa bara baajata 2017tti hojiin milkaawaa hojjachaa ture cimsee akka itti fufu beeksise

Komishiniin Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa gamaaggama raawwii karooraa kan bara baajata 2017 fi waltajjii orienteeshinii karoora bara 2018 qooda fudhattoota dhaabbatichaa waliin gaggeesseera.

Waltajjicharratti kan argaman Komishinarri Komishinii Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Kaalid Mohaammad akka ibsanitti dhaabbatichi bara 2017 hojiiwwan jajjabeessaa hedduu raawwachuu isaa; keessattuu damee ispoortiitiin hojiiwwan kubbaa miilaa Dirree Dhawaa kakaasuuf hojjetaman, atileetiksii keessattis Dirree Dhawaan dorgommii dargaggoota adda addaa gaggeessee, kanaanis, Istaadiyeemii Idil Addunyaa Dirree Dhawaa bal’inaan beeksiseera.

Obbo Khaalid akkasumas dorgomtoonni biskileetii Dirree Dhawa dorgommii idil-addunyaa fi biyyaalessaa irratti hirmaachuu isaanii kan ibsan yoo ta’u, kunis bara bajataa kana keessatti bu’aa ba’ii hedduun galmaa’uu agarsiisa.

Obbo Khaalid damee hojii tola ooltummaatiin hojiiwwan hawaasa fayyadan hedduun hojjetamaa akka turan, akkasumas hojii tola ooltummaa aadaa akka ta’uuf hojjetan eeraniiru.

Obbo Khaalid fayyadamummaa dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa dargaggootaa guddisuu keessatti hojiiwwan gaariin hojjetamuu isaanii ibsaniiru; bara 2018tti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an cimee akka itti fufan, qaawwi tokko tokkos haala qindoominaan akka furaman akeekaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *