Komishiniin Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa bara baajata 2017tti hojiin milkaawaa hojjachaa ture cimsee akka itti fufu beeksise
Komishiniin Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa gamaaggama raawwii karooraa kan bara baajata 2017 fi waltajjii orienteeshinii karoora bara 2018 qooda fudhattoota dhaabbatichaa waliin gaggeesseera. Waltajjicharratti kan argaman Komishinarri Komishinii Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Kaalid Mohaammad akka ibsanitti dhaabbatichi bara 2017 hojiiwwan jajjabeessaa hedduu raawwachuu isaa; keessattuu damee ispoortiitiin hojiiwwan kubbaa miilaa…


