Eenyummeen Faaydaa Akkuma Maqaasaa Faaydaa Olaanaan Waan Qabuuf Jiraattonni Magaalaa Eenyummee Hingalmaa’in Kiitiiwwan Faaydaa Naannoosaaniitti Qophaa’anitti Galmaa’uudhaan Abbas Eenyummee Faaydaa Akka Ta’an Kabajamoo Kantibaa Itti Aanaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh Dhaaman.

Jiraattota Bulchinsa Dirree Dhawaa Hundumaa Eenyummee Faaydaa Akka Argatan Qindoominaafi tumsaan hojjetamaa jiraachuu Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh Ibsan.

Bulchinsatti bara 2017 tti galmeessuu Eenyummee “Fayda” kuma 503 ol taasisuu kan eeranii Kabajamoo. Obbo Harbii Buuh bars 2018 Kanas hangs ammaatti namoonni Kuma 230 ol Eenyummee fayda galmaa’uu ibsaniiti jiran.

Haaluma walfakkaatuunis namoonni Kuma 161 fi 700 kanneen otuu hingalmaa’in hafan jiraachuu fi hojiilee ji’oottan darban keessa hojjetamaniinis namoonni kuma 30 galmaa’uu Obbo Harbii Buuh eeranii akka waliigala tti Mil namoonni kuma 131 ol ta’an kanneen hingalmaa’in galmaa’uudhaan Abbas Eenyummee fayda akka ta’an karoora yeroo gabaabaa qabameen hojiilee adda qooddachuun .seektaroota bulchinsaa aanaalee jiran waliin hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Dhumarrattis Obbo Harbii Buuh jiraattota bulchinsaa abbaa Eenyummee Dijitaalawaa “Fayda” taasisuuf hojiileen xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiran ciminaan akka Itti fufan eeranii eenyummeen Faa”Fayda” Akkuma Maqaasaa Faaydaa Olaanaan Waan Qabuuf Jiraattonni Magaalaa kanneen Hingalmaa’in Kiitiiwwan Faaydaa Naannoosaaniitti Qophaa’anitti Galmaa’uudhaan Abbaa Eenyummee Faaydaa Akka Ta’an dhaamsa dabarsaniiti jiran

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *