Bulchinsa Dirree Dhawaatti waltajjiin Goolabbii Koonfireensii Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Kan Walakkeessa Waggaa Mataduree “Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenyummaatti!’ je’uun qophaawe gaggeeyfamuu jalqabeeti jira.
Waltajjii kanarratti kan argamaniiti Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar haasaa baninsaa taasisaniin Bulchinsa Dirree Dhawaatti walakkeessa jalqabaa bara baajataa 2018 kanatti mootummaafi paartiin hojiilee bu’aqabeessa hojjechuun milkaa’inoota boonsaa galmeessuun kan danda’ame ta’uu eeranii keessattuu hojiilee ashaaraa magariisaafi tolaooltummaa ji’oottan gannaa dabalatee innisheetiivota Ministira Muummee Dr Abiyyi Ahmadiin jalqabaman hedduu hawaasa bulchinsaa waliin qindoominaan hojjechuu dubbatan.
Hojiilee tolaooltummaa ji’oottan gannaatiin waliigalatti manneen haaraa ijaaramaniifi haaromsaman 480 ta’an fayyadamtootaaf furtuun kennamuu eeranii manneen kunneen baasii birrii Mil. 160 olitti kan tilmaaman ta’uus ibsan.
Kanaan walqabatees dargaggoonni kuma 95 ta’an hojiilee tola-ooltummaa garagaraa ji’oottan gannaafi bonaatti hojjetamanirratti hirmaachuufi eeranii yeroo ayyaanota amantaafi waggaa haaraattis namoota kuma 87 waliin maaddii qooddachuu deeggarsi kunis maallaqatti yommuu shalagamu birrii Mil. 65 ol akka ta’u Kavajamoo Kantibaan Kadiir ibsaniiti jiran.
Bulchinsatti hojiin kalaqaafi saffisni Itti dabalamuun raawwachuun akka danda’amu if karoora guyyoota 100 ba’e hojitti jijjiiruuf dammaqinaan hirmaannaan hawaasaa olaanaa ta’uu kan eeranii Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar hojiilee qindoominaan hojjetamaa jiran kanaanis bu’aawwan abdiiqabeessa ta’an galmaa’aa jiraachuu ibsan.
Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Dames Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibrahim Yuusuf gamasaaniitiin paartichi walakkeessa jalqabaa bara 2018 kanatti akka biyyaatti bu’aawwan milkaa’inaa hedduu boqonnaa olaanaatti ceesisan galmeessuu ibsaniiti jiran.
Akka Bulchinsa Dirree Dhawaattis paartii Badhaadhinaa Dames Bulchinsa Dirree Dhawaatiin ji’oottan Jahan dabran keessatti dameewwan hundumaanuu raawwiiwwan jajjabeessaan galmaa’uu kan eeranii Obbo Ibrahim Yuusuf bu’aawwan galmaa’an kunneen milkaa’inoota birootti manneen nu ceesisan waan ta’eef cimnee Itti fufsiisuu qabna jedhan.
Hojiilee tolaooltummaa gannaa, ashaaraa magariisaa, ijaarsa hidha haaromsaa, guyyoottan qaammee, Roga barumsaa,misooma magaalaa dabalatee innisheetivota hedduu hojjetamaa jiraniin guddina hawaasdinagdee bulchinsaa fooyyeesuuf paartichi xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jiraachuu Obbo Ibrahim Yuusuf ibsaniiti jiran
Filaannoon Biyyaaleessaa 7ffaa akka naannoofi biyyaatti ji’a Caamsaa dhufu gaggeeffamuuf jiru imala dimokraasii Itoophiyaa keessatti kan hiika guddaa qabu waan ta’eef filannichi dimokraatawaa, nagaa, haqaqabeessa, amanamaa,fi bilisaa ta’ee akka gaggeeffamu gahee nurraa eeggamu bahachuuf sochiirra jirra jechuun Obbo Ibrahim Yuusuf dubbataniiti jiran


