Manneen Hojiifi Jireenyaa Naannawa Misoomni Koriidaraatti Ijaaraman Akkaataa Miidhaginaafi Sadarkaa Isaanii Eeggataniin Ijaaramuu Akka Qaban Hojjetamaa Jiraachuun Ibsaman.

Bulchinsa Dirree Dhawaatti Hojiin Misooma Koriidaraafi Istaandardiin Gamoowwanii Hojiilee Misooma Koriidaraa Fuulduraa hojjetanii waliin adeemsisuuf qaamota dhimmichi ilaallatu, abbootiin gamoowwaniifi dhaabbilee waliin waliajjiin Marii gaggeeffame.

Waltajjii Marii kanarratti kan argaman Daayreektarri Abbaa taaytaa hayyama ijaarsaafi to’annoo Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Efreem Girmaay hojii Misooma koriidaraatiin hojjetaniifi fuulduraaf kanneen hojjetamuuf jiran Sadarkaa ammayyuummaa isaanii akka eeggatan gochuurratti xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jiraachuu ibsan.

Keessumattuu naannawni koriidarri Itti hojjetamanitti dhaabbaleenfi jaarmaaleen jiran guddinaafi miidhagina magaalaa Dirree Dhawaa waliin adeemuu akka qaban irratti hojjetamaa jiraachuu fi istaandaardii kanneen Hojiin, kanneen jireenyaa, dallawaa, iddoo magariisaa,fi dibataa taa’ee waliin walsimachuu qabus jedhan Obbo Eefreem.

Kana milkeessuufis Hojiin qindoominaafi Seera eegsisuu Misooma magaalattiif hojjetamanirratti sanadni Marii dhihaachuun Mariin kan gaggeeffame yommuu ta’u, Hojiin koriidaraa magaalaa marsaa kanaatiin Waliigalatti haguuggiin kiiloomeetira 27 ol hojjechuuf karoorfamuun beekameeti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *