Dandeettii oomisha gadi aanaa guddisuun indaastiriiwwan dorgomaa uumuuf hojiiwwan hubannoo uumuu adda addaa bulchiinsaan hojjetamaa kan jiran yoo ta’u kunis damee indaastirii omishaa keessatti bal’inaan mul’ata.
Hojimaata sadarkaa biyyaatti dandeettii oomishaa guddisu %54 amma jiru irraa gara fuulduraatti %61 akka gahu taasisuun hojii irra oolchuun indaastiriiwwan omishaa bulchiinsa jalatti uumuuf leenjiin ijaarsa dandeettii guyyoota shaniif kennameera.
Bulchiinsi kun damee omishaa keessatti hanqinni maallaqa alaa, dhiyeessii galteewwanii fi meeshaalee dabalataa bal’inaan mudachaa jiraachuu fi kana furuuf hojjechaa akka jiru eerameera.
Bulchiinsa kana jalatti indaastiriiwwan 365 ol kan jiran yoo ta’u, dandeettii oomishaa fooyyessuun omishaafi oomishtummaa guddisuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan akka itti fufu waltajjii kanarratti ifoomeera.
Leenjistoonni leenjii kanarratti hirmaachaa jirru waliin wal argan leenjiin kun qaawwa dandeettii oomishaa damee omishaa keessatti mul’atu kan guutu ta’uu fi leenjii beekumsa hedduu itti arganne ta’uu ibsaniiru.
Yaassin Abdallaatiin
Suuraa:Aganyaw Shawaarag


