Bulchinsi Dirree Dhawaa Dhalattoota Itoophiyaa kanneen hojii invastiirratti hirmaachuuf dhufaniif sagantaa bashannana halkanii Paarkii Alii Birraatti bifa miidhagaan qopheesse.
Sagantaa kanarratti dhalattoonni Itoophiyaa biyyoota ambaa garaagaraarraa dhufan, Afa-Yaa’ii Mana Marii Bulchinsa Dirree DhawaaKabajamtuu Aadde Fatiyaa Adenfi Kantibaa itti Aanaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Harbii Buuh dabalatee hoggantoota olaanoo bulchinsaa kan argaman yommuu ta’u, agarsiisni aadaa sarkasiifi shubisoonni garagaraa dhihaachuun sagantaan bashannanaa haala miidhagaan gaggeeffamaati jira.
Bal’ina gabaasa kanaa hordofnee kan isin biraan geenyu ta’a.


