Dorgommiin Ispoortii Manneen Barnoota Dirree Dhawaa jiddutti gaggeeffamaa ture xumurame.

Manneen Barnoota Bulchiinsa Dirree Dhawaa Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa kan Mootummaa fi Dhuunfaa jiiddutti kan gaggeeffamaa ture Dorgommiin Ispoortii Barattootaa kan bara 2017 xumurame.

Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa fi Lammaffaa kan Mootummaa fi Dhuunfaatiif gaggeeffamaa ture har’a ” Barnoota qulqullina qabu lammiiwwan hundaan ga’uuf” galma qabame milkeessuun lammii gaarii karaa ispoortii oomishuuf shoora murteessaa qaba dhaadannoo jedhuun har’a goolabame.

Dorgommiin Ispoortii kun ji’a lamaaf kan gaggeeffame ture yoo ta’u,

Manneen barnootaa magaalaa 42 irraa barattoonni 4,500 ol ispoortii 8 irratti hirmaataniiru.

Dorgommiin kun tapha kubbaa miilaa Mana Barnootaa Addisu fi Mana Barnootaa Lagaharree gidduutti taasifameen xumurame.

Tapha kubbaa miilaa xumuraa Mana Barnootaa Addisuu fi Mana Barnootaa Lagaharree gidduutti taasifameen Manni Barumsaa Addisuu Mana Barumsaa Lagaharree qabxii 4 fi 2n injifateera.

Manneen barnootaa fi barattoota dorgommii ispoortii adda addaa 8 irratti milkaa’an, akkasumas kanneen milkaa’ina dorgommii kanaaf gumaacha godhaniifis badhaasni adda addaa kennameera.

Yaassin Abdallaatiin

Suuraa:- Aganyahu Shawaaraggaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *