” Bulchinsatti Nageenya Amansiisaa Mirkaneessuudhaan, Olaantummaa Seeraa Kabajchiisuundhaan Poolisii Ummataa Aantummaa Ummataa Qabu Uumuun Danda’amee jira. Kab. Kantibaa Kadiir Juhar
Bulchinsa Dirree Dhawaatti Ayyaanni Hundeeyfama Poolisii Itoophiyaa 116ffaa sagantaalee garagaraatiin kan kabajamaa Jiru yommuu ta’u guyyaa har’aas Simpoziyemiidhaan kabajamee oole. Simpooziyeemicharratti Kabajamoo Kantibaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar, Kantibaa Itti Aanaa Obbo Harbii Buuh, Komishinar Alamuu Magaraa, Ajajaa Itti Aanaa Boobbii Bahaa Meejer Jeneraal Fiqaaduu Tasammaa, Ajajoota olaanoo Waraanaa, Raayyaa Ittisaa Biyyaatiif, Miseensota Kaabinee…


