Diree Dhawaan magaalaa karoora magaalaatiin beekamtuu fi akka mallattoo qaroominaatti kan ilaalamtu waan tateef; Biiroon Misooma fi ijaarsaa Maneen Jireenyaa sadarkaa magaalichaa ol kaasuun gara fuula duraatti babal’ina magaalichaa ilaalcha keessa goalchuun hojjetamaa jiraachuun ibsame.
Itti gaafatamaan Biiroo Misooma magaala fi ijaarsaa Manneeni Bulchiinsa Dirree Dhawaa Injinar Omar Du’aalee akka jedhanitti Diree Dhawaan magaalaa gamoowwanii fi daandiiwwan ishee bifa hambaalee seenaa ishee irratti dhiibbaa utuu hingeessisin ammayyaa’uu qabdu ta’uu ibsaniiru.
Injiinar Omar akkasumas fedhii mana jireenyaa guddinni magaalattii keessatti mul’atu guutuuf iddoowwan ijaarsaaf sanadni Abba qabeenummaa qophaa’uu isaanii fi ijaarsa mana jireenyaa kondominiyeemii gareewwan galii gadi aanaa qabaniif xiyyeeffannoon kennamee jiraachuu ibsaniiru.
Diree Dhawaan wiirtuu daldalaa biyyoota ollaa fi guutuu biyyattii kan walqunnamsiisu yoo ta’u, magaalaa guddachaa jirtuu fi invastaroota biyya keessaa fi alaa daldalaa fi industirii irratti hirmaatan hawwattu akka taatu gochuuf qophii kan xumuraman ta’u Injinar Omar himaniiru.
Diree Dhawaatti iddoowwan 17tti manneen jireenyaa kondominiyeemii ijaaraman ta’us, fedhiin mana jireenyaa ammallee olaanaa ta’e furuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan qondaalli kun; guyyoota itti aanan keessatti namoota carraa qaban adda baasuun jiraattotaaf dabarsee kanuf sagantaa charraa kan gaggeessuu tahuu ibsaniiru.
Injinar Omar dhumarratti waajjirri isaanii miidhagina daandii Diree Dhawaa kunuunsuu, magaalattiin akka jiraattu gochuu, carraa jireenya hawaasaa fooyyessu uumuuf hojjachuu akka itti fufu ibsaniiru.


