Dhaabbatni Maaykiroo Faayinaansii Dirree Dhawaa dhaabbata maamiltoota isaaf abjuu saanii dhugoomsuun hiyyummaa irraa gara badhaadhinaatti jijjiiraa jiru jedhame

Dhaabbatni Maakiroo Faayinaansii Dirree Dhawaa guyyaa har’aa hawaasa dhabbaticharraa fayyadamoo tahaniif beekamtii kennuuf konfiraansii waggaa isaa gaggeessee jira.

‎Kabajamoo Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Kadiir Jawaar saganticha irrattis argamuun haasawa kan taasisan yoo ta’u, bu’aa gaarii Dhaabbatni Maakiroo Faayinaansii Dirree Dhawaa diinagdee bulchiinsa kanaa irratti geessisaa jiru ibsanii, dargaggoonni abbootii qabeenyaa, dubartoonni, daldaltoonni, qonnaan bultootaa fi ogeessonni harkaa carraa liqii idilee argachuu hin arganne amma karaa dhaabbatichaatiin badhaadhina argachaa jiru jedhaniiru.

‎Bulchiinsi sirna faayinaansii dijitaalaa guddisuu fi adeemsa gahumsa qabu hojiirra oolchuun dhaqqabummaa isaa babal’isuuf tattaaffii taasisaa jiru keessattis bulchiinsi deeggarsa isaa akka cimsu ibsaniiru.

‎Hogganaan Waliigalaa Dhaabbata Maakiroo Faayinaansii Tashome Abbabaa akka jedhanitti, dhaabbatichi kutaalee hawaasaa tajaajila baankii idilee irraa fayyadamoo ta’uu hin dandeenyeef qaqqabummaa faayinaansii mirkaneessee, akkasumas hammatamuu faayinaansii qabatamaan agarsiiseera.

‎Kunis jireenya lammiilee hojii xixiqqaa irraa gara hojii sadarkaa olaanaatti ol guddatan irratti jijjiirama dhugaa ta’uu ibsaniiru.

‎Sagantaa kana keessattis maamiltoota shabbat liquid fi qusannoo Dirree Dhawaa kanarraa bu’a qabeessaa fi moodeela ta’aniif beekamtii fi badhaasni kennameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *