Magaalaa Dirree Dhawaa Aanaa 02tti Jiraattoonni Ganda 06 Naannowa Baargeelleetti Bo’oo Bishaanii Meetira Kuma 1 ijaarsa Daandee Meetira 700 hojjetameefitti gammachuu guddaa qabaachuu ibsan

Bulchinsaa Dirree Dhawaa Aanaa 02 Gana 06 naannawa Baargeelleetti Daandiin Meetira 700 fi Gallon bishaanii Meetira kuma 1 Ejensiin Hirmaannaa Ummataa waajjira Hojigaggeessaa Bulchinsaa Magaalaafi Aanaa 02 waliin ta’uun hojjetame eebbifamuun tajaajilaaf kennuu jalqabeeti jira.

Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Ibrahim Yuusuf

Saganticharratti argamuun haasaa taasisaniin jiraattota gandichaaf ergaa baga gammaddanii dabarsanii mootummaan jijjiiramaa gaaffilee misoomaa ummanni yeroo dheeraaf kaasaa turanii garuu deebiinsaanii lafarra harkifataa dhufe bu’urarraa furuurratti xiyyeeffannaan hojjechuurratti argamuu eeranii gaggeessitoota Aanaa 02 fi ejensii Hirmaannaa Ummataa hawaasa naannoo kakaasuudhaan hojii kana milkeessan galateeffataniiti jiran.

Hojigaggeessituu Ejensii Hirmaannaa Ummataa Waajjira Bulchinsaa Magaalaa Dirree Dhawaa Aadde Rahimaa Awwel gamasaaniitiin pirojektichi gaaffiifi iyya jiraattonnii naannichaa waltajjii marii Gaggeessitoonni Aanaa 02 Dhageessisan bu’urarraa furuuf karoorfamee hojitti galamuufi ejensichi dhibbentaa 60% baasii gochuufi fi Bulchinsimmoo hawaasicha dhibbeentaa 40% danda’a’uun kan hojjetame ta’uu eeranii Kanaan duraa iddoon kuni daandii baaburaa dulloome ta’uusaatiin iddoo balfi adda addaa Itti gatamu, yeroo roobaa dhoqqeefi yeroo caamaa dhukkeen hawaasni kan Itti miidhamee akkasumas iddoo bishaan itti ciisuun bakka walhormaata bookee dhukkuboota adda adda daddabarsaniifi iddoo rakkoon nageenyaaf ummanni itti rakkataa tire ta’uu iyyata ummataarraa dhagahuufi har’ammoo kuni hojjetamee argutti jiraattota waliin gammachuu qoddachuu himaniiti jiran.

Hojigaggeessa Olaanaa Aanaa 02 Obbo Abeel Misraaq gamasaaniitiin Ejensichaafi qaamota hojicha tumsa maqaa jiraattota Aanichaatiin galateeffatanii Kansan dura iddoon kuni iddoo rakkoo adda addaa jiraattota kanneen mudataa ture ta’uufi guyyaa haala kanaan gaaffilee jiraattota kanaa deebii argatee arguu isaaniitti gammachuu qaban ibsaniiti qaamota kanaaf gumaaçhan galateeffataniiti jiru.

Jiraattonni gandichaa tokko tokko yaada DGCf kennaniin Kanaan dura rakkoolee adda addaa sababa daandiin kuni turuu dhabuun isaan mudate hedduu kaasanii har’a garuu daandiifi diishii isaaniif hojjetame kanatti gammachuu guddaa qabaachuu ibsaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *