Bulchiinsi Dirree Dhawaa Yaa’ii dhaabbilee amantaaf konkolaataa arjoome

Bulchiinsi Dirree Dhawaa yaa’ii dhaabbilee amantaa Dirree Dhawaatiif konkolaataa arjoome.

Sagantaa kanarratti Kabajamoo Kantiibaa Bulchiinsa Dirree dhawaa Obbo Kedir Juhar furtuu konkolaataa walitti qabaa Ol’aanaa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Dirree Dhawaa kan ta’an Sheek Ibraahim Imaam, akkasumas Itti Aanaa Dura Taa’aa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Dirree Dhawaa Liqabirhanat qalamework Bimareh’f kennaniiru.

Kabajamoo kantiibaan Kadiir Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Diirree dhwaa bulchiinsa waliin ta’uun hawaasa waa’ee waan gaarii fi ijaarsa nagaa barsiisuuf hojjechaa jiraachuu ibsuun, kanaafis galateeffataniiru.

Yaa’iin dhaabbilee amantaa kun bulchiinsa waliin ta’uun deeggarsa adda addaa taasisuuf jecha rakkoo geejjibaa guddaa mudachaa akka tures eeruun rakkoo kana furuuf bulchiinsi konkolaataa arjoomeera.

Dur geejjiba irratti rakkina waan qabaniif konkolaataa miila sadii fayyadamuun bakka tokko irraa gara bakka biraatti deeman. Kana waliinis deeggarsa bulchiinsi nuuf godheef gammadneerra jechuun miira isaanii qoodaniiru. Bulchiinsas galateeffataniir

Muktar Ahmadiin

Suuraa: Abiyi Shimalis

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *