‘’Bara baajata 2016 Itiyoophiyaatti guddinni harka 8.1 galmaa’eera’’- Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Bara baajata 2016 Itiyoophiyaatti guddinni harka 8.1 galmaa’eera kunis sadarkaa idill-addunyaatti milkaa’ina guddaadha jedhan Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad. Bara baajata baranaanis guddinni harka 8.4 akka galmaa’u ni eegamas jedhan. Kana keessaa qonni harka 6.1akka guddatu kan eegamu yoo ta’u lafa heektaara miiliyoona 30 qotuun oomishni kuntaala biiliyoona 1.4 ni eegamas jedhan. OBN


