Dirree Dhawaatti Gargaaramuurraa Gara Oomishtummaatti Birmadummaafi Kabaja Guutuu Biyyattiif! mataduree jedhurratti mariin hawaasaa gaggeeffame.
Waltajjii marii kanarratti Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar,haasaa baninsaa yommuu taasisanitti mootummaan yaanni gargaaramummaafi kadhattummaa rakkoo birmadummaa biyyattii balaaf kan saaxile waan ta’eef rakkoo kanammoo bu’urarraa furuuf xiyyeeffannoo guddaa kennuun xiiqiidhaan hojjechaa jiraachuu dubbatan.
Kabajamoo Kantibaa Kadiir itti dabaluudhaanis Marii hawaasaa kanaanis sadarkaa biyyaattis ta’eef akka bulchinsaatti ilaalchaaf yaada kadhattummaafi eeggattummaa deeggarsa alaa babal’ate lakkisuun jiraattoota sadarkaa oomishtummaa olaanaatti ceesisuun wabii midhaan nyaataan akka of danda’an gochuuf hubannoo waloorra gahuuf akka ta’e ibsaniiti jiran.
Kadhattummaafi deeggaramummaan boquu gad nama qabachiisa kan jedhan Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf gamasaaniitiin mariin paartiin Badhaadhinaa biyyattiin akka Afrikaatti Badhaadhinaa ariifachiisaafi Fakkeenya ta’e mirkaneessuuf yaada saffisaafi kalaqaan deeggarsme hojiitti jijjiiruufvsadarkaa hundatti ummata waliin marii gaggeessaa kan jiru ta’uu ibsaniiti jiran.
Waltajjii marii kana kan gaggeessan Miseensota Koree Giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Kibba Itoophiyaa Obbo Xilaahun Kabbadaa sanada marii mataduree Ilaalcha deeggaramummaaarra gara oomishtummaa olaanaatti jedhu yommuu dhiheessanitti akkuma abbootiin keenya birmadummaa biyya keenyaa dhiigaan eeggatan dhaloonni ammaas biyyattii hiyyummaa seenaa taasisuufi waliin qabsaa’uun biyya birmadummaa guutuu qabdu taasisuuf dirqama lammummaa bahuun akka qabu dubbatan.
Waltajjii marii kanarratti Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar, Hogganaa Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Kibba Itoophiyaa Obbo Xilaahun Kabbadaa, Miseensonni Kaabinee Bulchinsaa, Abbootiin Amantaa Abbootiin Gadaa Ugaazonni, bakka bu’oonni garee hawaasaa, jiraattoonni Magaalaafi baadiyyaa Bulchinsa Dirree Dhawaafi keessummoonni kabajaa hedduun argamaniiti jiran.
Iliyaas Aammeetiin
Suuraa: Salaam Abbabaatiin.
Odeefannoo Waqtaawaa, Saffisaa fi Guutuu ta’e argachuuf ፡-
Fuula Marsarii ፦ https://www.diredawacommunication.org
Feesbuukii፡- https://www.facebook.com/DDGCAB
Yuu Tuubii፦ https://www.youtube.com/channel/UCQNCC5tcc6Jd9zCKcmzQ-eA
Telegraamii፦ https://t.me/DDGCAB
Tiwiitariu፦ https://twitter.com/DawaOffice
Firoomuun hordofaa ይከታተሉን፡፡
Yeroo mara፦ Waan nuu waliin turtaniif Isin Galateeffanna!


