Koomishiniin Hoogansa Sodaa Balaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Bara 2018tti Miidhaa Balaa Uumamaa fi Namtolcheen Nama irra ga’aniif deegarsa deegarsa Namoommaa Humna Ofiin Uwwisuuf kurfiin haal-duree taasisaa jiraachuu fi kana irratti Gaggeesota Ol’aanoon Bulchiinsaaf waltajjii hubannoo Uumuu laateera.
Hoggansi Ittisa Sodaa Balaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Tarsiimoo Fi Imaammata Bahe Hojiirra Olmayaafi Deeggarsa Taasifamuuf Hirmaannaa Hawaasaa Cimsuu Irratti Xiyyeeffate Hoggantoota Olaanoof Leenjii Laateeti Jira.
Leenjichi Sodaa Balaa Irrisuu, Balaa Gahuuf Dursanii Qophii Taasisuu, Deebii Hatattamaa Laachuu, Deeggarsa Taasifamuu Qabu Mirkaneeysuu, Qabeenya Walitti Sassaabuufi Deebisanii Misoomuuf Gaheen Hirmaannaa Hawaasaa Maal Tahuu Akka Qaburratti Kan Xiyyeefate Tahuun Ibsameeti Jira.
Waltajjii Leenjii Irratti Arkamuun Haasawa Kan Taasisan Komishinarri Komishinii Hoggansa Ittisa Sodaa Balaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Suleeymaan Alii Balaalee Namtolchee Fi Uumamaan Mudataniif Deeggarsi Namoomaa Taasifamu Bara 2018tti Guutu Guututti Humna Ofiitiin Kan Uwwifamu Tahuu Himanii Milkaa’ina Deggarsichaatiif Qaamooleen Qooda Fudhattonni Hirmaatan Hawaasa Qindeeysuun Lammileen Tokko Tokkoon Isaanii Gahee Akka Bahataniif Leenjichi Murteeysaa Tahuu Dubbataniiti Jiran.
Keessattuu Maqaa Deeggarsaa Duuba Dhiibbaa Dhaabbilee Dhunfaa Biyyoota Lixaa Ture Dandamachuufi Badhaadhina Hunda Galeeysa Mirkaneeysuun Miira Lammileen Ifii Keenyaan Ni Dand’ama Ja’u Hojiitti Hikuun Imaammataafi Tarsiimoo Jiru Hojiirra Oolchuuf Hoggantoonni Hubatanii Bara Dhufu Sochii Qabeenya Sassaabuuf Taasifamuuf Namuu Gahee Gama Isaa Akka Bahatu Obbo Suleeymaan Itti Dabaluun Addeeysaniiti Jiran.
Lenjiicharratti Hoggantoonni Olaanoon Koree Dhaabbii Mana Marii, Hoggantoonni Olaanoon Paartii Badhaadhinaatiifi Miidiyaaleen Kan Hirmaatan Hoggaa Tahu Barreeffamni Imaammata Ittissa Sodaa Balaa Fooyya’ee Bahee Fi Gaheen Maatiifi Hawaasaa Maal Akka Tahuu Qabu Irratti Dhihaatee Mariin Irratti Gaggeeyfameeti Jira.


