Bulchinsaa Dirree Dhawaatti Sagantaan Eebba Fayyadamtoota Faaynaansii Dabalataa Pirojektii Sagantaan Seeftineetii Misoomawaa Magaalaa Gaggeeffame.
Saganticharratti Kabajamoo Kantibaa Itti Aanaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh fayyadamtoonni Sagantaan Seeftineetii Misoomawaa carrara kan fayyadamuudhaan rakkoolee hedduu furuuf ofirra dabruun lammiilee biroof carraa hojii akka uumuu qabdan isinirraa eeggama jedhan.
Jijjiiramaan asitti mootummaan milkaa’inoota mul’ataa galmeessuu jiraachuufi jireenyi lammiilee akka fooyya’u, tattaaffiin taasisu akka milkaa’u, hirmaannaan lammiilee roga hundaa murtaassaa ta’uu ibsaniiti jiran.
Obbo Harbii Buuh sagantaa seeftineetii misoomawaa Magaalaa marsaa kanaatiin maatii eebbifamtoota 342fi maatii Fayyadamtoota 1191 ta’an tokko tokkoo isaaniif qarshii kuma 66 ol , deeggarsi taasifamuufi waliigalattis deeggarsi maallaqaa birrii Mil 22 ol jalqabsiisa hojiif kennamee jiraachuu ibsanii qaamota Milkaaina piroojektichaaf gumaacha taasisan galateeffataniiti jiran.
Hojigaggeessaa Bulchinsaa Magaalaa Dirree Dhawaa Injinar Jamaal Ibraahim Gamasaaniitiin Duudhaa mootummaa ida’amuubkan ta’an keessaa inni tokko fedhii waloo lammiilee giddugaleeffachuudhaan birmadummaa wabii midhaan nyaataa mirkaneessuufi qabeenya uumamaa qabnu fayyadamuufi carraa hojii uumuudhaa biyya Kenya eeggattummaafi gargaaramtummaarraa bilisa baasuudha jedhan.
Saganticharratti Aanga’oonni olaanoon bulchinsaa, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa akkasumas fayyadamtoonni Sagantaa Seeftineetii Misoomawaa Magaalaa Dirree Dhawaa hedduun argamaniiti jiran.


