Hawaasa Fayyummaansaa Eeggame Uumuudhaaf Faaydaa Sochiin Qaamaa Qaburratti Hubannoo Hawaasaa Guddisuu Akka Barbaachisu Komishinar Firaanol Bulchaa Ibsan.

Bulchinsa Dirree Dhawaatti sosochiin qaamaa mataduree “Sochii ga’umsa qaamaa sa’aa tokkoo miliyoonotaaf” jedhuun gaggeeffame.

Hogganaan Biiroo Komishinii Dargaggoofi Ispoortii Bulchinsa Dirree Dhawaa Komishinar Firaaol Bulchaa yaada kennaniin mataduree sochii qaamaa sa’aa tokkoo miliyoonotaaf jedhu kanaan akka biyyaatti marsaa 3 qofatti namoota mil. 10 ol, akkasumas bulchinsatti namoota kuma 100 ol hirmaachisuun kan danda’ame ta’uu ibsan.

Keessumattuu ummanni keenya sochii ga’umsa qaamaarratti ummanni hubannoo gahaa akka qabaatufi jijjiirama ilaalchaa akka fidu gochuurratti yoo ciminaan hojjetame lammiilee fayyummaa guutuu qaban uumuun akka danda’amu Obbo Firaa’ol ibsaniiti jiran.

Sagantaa sochii ga’umsa qaamaa ganama kana taasifamerratti kan argaman Ajajaan Humna Qilleensaa Ramaddii 3ffaa Bahaa Lrtenaal Koloeel Darajjee Bushraa gamasaaniitiin sochiin qaamaa miseensota raayyaatiif hojii idilee ta’uu himanii raayyaan keenya ummata waliin sagantaa akkanaa keessatti hirmaachuun aantummaafi waliin jireenya jajjabeessa jedhan.

Sochii Ispoortii kanarratti gaggeessitoonni hawaasni bulchinsaa heddomminaan hirmaataniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *