Kaayizanii raawwachuun Naannawa Hojii Mijataa waan nuuf Uumuuf Tajaajila Kenniinu Fooyyessuuf nu dandeesiseeraa jedhan.

Biiroon daldala, industirii fi invastimantii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Yuunivarsitii Dirree Dhawaa waliin ta’uun fooramii kaayizanii waggaa qophaawe irratti qaamoleen ga’ee hirmaatan yaada laataniin Akka jedhanitti Kaayizanii raawwachuun Naannawa Hojii Mijataa waan nuuf Uumuuf Tajaajila Kenniinu Fooyyessuuf nu dandeesiseeraa jedhan.

Waltajjii marii kanarratti Ergaa baga nagayaan dhuftanii kan dabarsan daarektarri insitiyuutii teeknooloojii Yuunivarsitii Dirree Dhawaa obbo Teediroors Gadafaayee Kaayizaniin diinagdee biyyaa bu’uura jabaarratti gad dhaabbate uumuuf bu’uura cimaa tahuu himanii, guddina biyyaatiif tumsa olaanaa kan qabu waan taheef hundi keenya gahee nurraa eegamu bahachuun guddinaa fi diinagdee biyyaatiif qindoominaan hojjachuu qaba ja’an.

Itti aanaan biiroo daldala industirii fi invastimantii bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Abdii Muktaar gama isaaniitiin, dameen industirii akka itti fufuuf teeknooloojiin walitti hidhata qabaachuu qaba ja’anii, kanaaf ammoo qindoominaan hojjachuutu nurraa eeggama jechuun dubbatan.

Akka bulchiinsa Dirree Dhawaatti roga fooyya’iinsa roga ibsaatiin duraan dhibbeentaa 42rra ture gara 54’tti guddisuun dandayuun warshaan duraan sa’aa 12 hojjatu gara sa’aa dheeraatti guddisuu himuun ammallee rakkoolee ibsaa mudachaa jiran furuudhaaf qaamota dhimmi ilaallatu waliin hojjachaa akka jiran dubata. Itti dabaluun obbo Abdii kan dubbatan Galteewwan Alaa galanii fi gara alaatti ergaman dabaluudhaaf akkasumaas badhaadhina biyyaa mirkaneeysuuf kaayizanii hojirraa oolchuun barbaachisaa tahuu himan.

Dhuma saganticharrattiis Egzibishiniin roga hojii kaayizaniin hojjataman daawwatameera.

Waltajjii marii kanarratti itti aanaan biiroo daldala, industirii fi invastimantii bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Abdii Muktaar, itti gaafatamaan waajjira daldalaa obbo Amiinoo xahaa fi itti gaafatamtoonni warshaalee bulchiisaa akkasuma seektaroota mootummaa adda addaa waltajjiicharati arkamniru.

Muktar Ahmadiin

Suraan muluwaalam Dasee.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *